LibreOffice 25.2 Help
Kutaaleen garreewwan barruu maqaan itti mogga'eedha, wantoota ykn saxaatoo dabalee, karaa hedduutiin itti fayyadamuu dandeessu dha:
Barruu gulaalamuu irraa eeguuf.
Barruu agarsiisuu ykn dhoksuuf.
Barruu fi saxaatoo galmeewwan LibreOffice biroo irraa irra deebi'anii fayyadamuuf.
Kutaalee barruu akkaataa fuula ammee caalaa baqqaana tarjaa adda ta'e fayyadaman saaguuf.
Kutaan tokko yoo xiqqaate keewwata tokko of keessatti qabata. Yeroo barruu filattuu fi kutaa uumtu, qurxinsi keewwataa ofumaan dhuma barruutti saagama.
Galmee barruu tokko irraa, ykn galmee barruu maraa irraa gara kutaa galmee barruu birootti saaguu ni dandeessa. Akkasumas kutaalee galmee barruu irraaa akka geessitootaatti gara galmee barruu birootti ykn wal fakkaatutti saaguu danaddeessa.
Keewwata haaraa battalumatti dura ykn booda kutaatti saaguuf, fuuldura ykn duuba kutichaa irratti cuqaasi, sana booda Dirqaalaa Alt+Enter dhiibi.
Kutaalee kutaa durumaan jirutti saaguu dandeessa. Fakkeenyaaf, kutaa tarjaawwan lama qabu kutaa tarjaa tokko qabutti saaguu dandeessa.
Baqaanni kutaa, fakkeenyaaf lakkoofsa tarjaawwanii irraa, baqqaana fuulaa akkaataa fuulaa keessatti ibsame caalaa dursi ni kennamaaf.