LibreOffice 7.5 Help
Akkaataalee keewwataa garagaraa fayyadamuu dandeessa, geessituuwwan galchiiwwanitti ramadi, teessuma kasaawwanii jijjiiri, sana booda halluu duubbee kasaawwanii qaaqa Kasaa Saagi keessaa jijjiiri
Kasaa ykn gabatee qabiiyyeewwanii keessatti mirga cuqaasi, sana booda Kasaa/Gabatee Gulaali fili.
Caancala Akkaataalee cuqaasi.
Sadrkaa kasaa tarree Sadarkaawwanii keessaa cuqaasi.
Akkaataa tarree Akkaataa Keewwataatif fayyadamuu barbaaddu cuqaasi.
Qabduu ramaddi< cuqaasi.
TOLEE cuqaasi.
Wabeeffannaa akka geessituu galchiiwwan gabatee qabiiyyeewwaniitti ramaduu dandeessa.
Gabatee qabiiyyeewwanii keessatti mirga cuqaasi, sana booda Kasaa/Gabatee Gulaali fili.
Caancala Galchiiwwanii cuqaasi.
Sadarkaa mataduree kan geessituu tarree
keessatti ramaduu barbaaddu cuqaasi.Naannoo Caasaa keessaa, sanduuqa fuuldura E# jiru cuqaasi, sana booda Geessituu cuqaasi.
Sanduuqa duuba E keessa cuqaasi, sana booda Geessituu cuqaasi.
Tokkoon tokkoo sadarkaa mataduree geessituuwwan uumuufi barbaaddu irra deebi'i, yookan dhangessu sadarkaawwan maraaf fayyadamuudhaf qabdoo
cuqaasi.