LibreOffice 25.2 Help
Qubee jalqabaa keewwataa qubee guguddaatiin isa sararoota hedduu taakkeesuu danda'u dhangeessa. Keewwatichii, yoo xinaate isa ati sanduuqa Sararoota keessatti ifteessite taakkeesu qaba.
Qindaa'ina qubbuusa keewwata filatamaniif fayyadama.
Qubee jalqabaa kan jecha jalqabaa keewwaticha keessaa akka qubbuusatti qubeewwanii kan jechoota haffanii, akka akaakuu qubee guddaaatti mul'isa.
Gara qubbuusatti jijjiiruudhaaf lakkoofsa arfiiwwan galchi.
Baay'ina lakkoofsa sararootaa qubbuusni jalqaba keewwataarraa kaasee irra ooluu qaba jettee yaaddu galchi. Keewwatootni gabaaaboon qubbuusaargachuu hin danda'an. Filannoon sararoota 2-9 caaluu hin qabu.
Hamma iddoo duwwaa qubbuusa fi barruu hafan keewwaticha keessatti dhiistu galchi.
Barruu isa qubeewwan jalqaba keewwataa ossoo hintanee, isa akka qubbuusatti agarsiisuudhaaf barbaaddu galchi.
Akkaataa dhangeessuu isa qubbuusatti fayyadamuudhaaf barbaaddu fili. Keewwata ammaatiif akkaataa dhangeessuu fayyadamuudhaaf, [Homma] fili.