LibreOffice 7.5 Help
Gabatee kan Wantawwanii keessatti dhangii kan galfatootaa ifteessi.
Gabateen Wantootaa tokko sadarkaa kasaa tokko qofa qabu.
SararichiCaasaa galfataawwan kasaa keessaa, akkamiin akka barqiifaman murteessa. Danaa galfata tokkoo jijjiiruuf, lakkadda yk barruu saanduqaawwan duwwaa sarara kana iraa jiranitti, lakkadda yk barruu galchuu ni danddeessaa. Akkasumas, saaduqa duwwaa yk lakkadda tokko keessatii cuqaasuu fi ittaansitee qabduu lakkaddaa tokko cuqaasuu nidandeessa.
Sarara Caasaa irraa lakkadda tokko haquuf, lakkaddicha cuqaasiitii isa booddee furtuu Haqi dhiibi.
Sarara Caasaa irraa lakkadda tokko bakka buusuuf, lakkadicha cuqaasiitii, itti aansii qabduu lakkaddaa tokko cuqaasi.
Sarara Caasaa irraatti lakkadda tokko ida'uuf, saanduqa duwwaa tokko cuqaasiitii, itti aansii qabduu lakkaddaa tokko cuqaasi
Dhaabduu caancalaa tokko saaga. Xuqaawwan dursaa dhaabduu caancalaatti ida'uudhaaf, Fill character box keessaa arfii tokko filadhu. Qubannoo dhaabduu caancalaa jijjiiruudhaaf, saanduqa Qubannoo dhaabduu caancalaa keessaatti gatii tokko galchi, yk ammoo saanduqa filannoo Mirga hiriirsi filadhu.
Oddeefaannoo boqonnaa, kuniis, mataduree boqonnaa fi lakkoofsa saaga. Oddeefaannoo akka agarsiisuu barbaadde, sanduuqa Galfata boqonnaa irraa filadhu.
Oddeefaannoo boqonnaa isa akka galfata kasaa keessatti dabalamu barbaaddu filadhu.
Kasaa maddisiifame keessatti sadarkaa olaanaa wantoonni irraa mul'ifamu galchi.
Akkaataa dhangeessuu, Sarara caasaa irraa, qaama isa filatameef ifteessa.
Qaaqa bakka akkaataa arfii filatamee itti gulaaluu dandeessu bana.
Ajajaa caancalaa isa fayyadamuu barbaaddu filadhu.
Mudana fuula bitaa fi dhaabduu caancalaa gidduutti fageenya dhiifamuu malu gachi.
Gara mudana fuula mirgaatti dhaabduu caancalaa hiriirsa.
Yammuu qabduu E# Caasaa sararaa keessaa cuqaaste qofa mul'ata. Lakkoofsa boqonnaa fooyaa wajjin ykn fooyaa malee mul'isuuf ana filadhu.
Kasaa maddisiifame keessatti sadarkaa olaanaa wantoonni irraa mul'ifamu galchi.
Dhaabduu caancalaa, gatii "galumsa bitaa irraa", isa akkaataa keewwataa caancala Akkaataawwani irratti filatameen murteeffame, waliin haala firoomeen qubachiisa. Kana malee dhaabduun caancalaa sun kallattii galumsa fuula bitaatiin qubachiifama.