Iyyaatoota Addayaa

Galmee isa dirreewwan akka galmee HTML tokkotti qabatu yammuu olkeesu, LibreOfficen adu'u, yeroo fi dirreewwan, OduGalmee gara iyyaatoowwan HTML itti, ufmaan garagalcha. Qabeentaawwan dirrichaa, banamuuf cufamuu iyyaatoowwan HTML kan dirreewwan gargalan sanaa gidduutti saagamu. Iyyaatoowwan HTML adda tahan kun iyyaatoowwan HTML wara waaltawaa tahaniin walitti hindhufu.

Dirreewwan barreessaa LibreOffice iyyaatoo <SDFIELD> galmee HTML tokko keessaatiin addeefamu. Akaakuu dirree, dhangii, fi maqaan dirree addaa sun iyyaatoo banamuu HTML sanaa keessatti hamatamoodha. Dhangiin iyyaatoo dirree, gingilchaa HTML tokkootiin hubatamu, akaakuu dirrichaa irratti hundaa'a.

Dirreewwan Adu'u fi Yeroo

Dirreewwan "Adu'u" fi "Yeroo"tiif, ulaagaan TYPE, DATETIME waliin qixxeedha. Dhangiin adu'u yk kan yeroo ulaagaa SDNUM tiin himama. Fakkeenyaaf, kan adu'u GG:JJ:WW, kan yeroo ammoo HH:MM:SS ta'a.

Dirreewwan, kan adu'u fi yeroo dhaabatoo, adu'un yk yeroon isaanii ulaagaa SDVAL tiin himamu.

Fakkeenyii adu'u fi yeroo iyyaatoowwan HTML addayaa akka dirreewwantti isa LibreOffice dhaan hamatame gabatee kanaan gadii irratti mul'atu:

Dirreewwan

Iyyaatoo LibreOffice

Adu'un murta'aa dha

<SDFIELD TYPE=DATETIME SDVAL="35843,4239988426" SDNUM="1031;1031;DD/MM/YY">17/02/98</SDFIELD>

Guyyaan nijijjiirama

<SDFIELD TYPE=DATETIME SDNUM="1031;1031;DD/MM/YY">17/02/98</SDFIELD>

Yeroon murta'aa dha

<SDFIELD TYPE=DATETIME SDVAL="35843,4240335648" SDNUM="1031;1031;HH:MM:SS">10:10:36</SDFIELD>

Yeroon nijijijjiirama

<SDFIELD TYPE=DATETIME SDNUM="1031;1031;HH:MM:SS">10:10:36</SDFIELD>


Dirreewwan OduGalmee

Dirreewwan OduGalmeetiif, ulaagaan TYPE, DOCINFO walqixxeedha. ulaagaa SUBTYPE, akaakuu dirree gooree agarsiissa.Fakkenyaaf, dirree OduGalmee "Uumame"f, ulaagaa FORMAT ulaagaawwan DATE yk TIME tti, fi SDNUM waliin qixxeedha jechuun dhangii lakkoofsaa isa fayyadamte agarsiissa. Safartuuchi SDFIXED ammoo qabeentaan dirree OduGalmee sanaa dhaabataa tahuuf dhiisuu isaa agarsiisa.

Qabeentaawwan dirree adu'u fi yeroo ulaagaa SDVAL waliin qixxeedha, kana yoo tahu dide ammoo qabeentaawwan sun barruu isa iyyaatoowwan SDFIELD HTML gidduutti argamuu walii qixeedha.

Fakkeenyii OduGalmee iyyaatoowwan HTML addayaa akka dirreewwantti isa LibreOffice dhaan hamatame gabatee kanaan gadii irratti mul'atu:

Dirreewwan

Iyyaatoo LibreOffice

Ibsa (qabiyyee dhaabbii)

<SDFIELD TYPE=DOCINFO SUBTYPE=COMMENT SDFIXED>Ibsa</SDFIELD>

Guyyaa uumamaa

<SDFIELD TYPE=DOCINFO SUBTYPE=CREATE FORMAT=DATE SDNUM="1031;1031;QQ YY">1. Nuusa 98</SDFIELD>

Yeroo uumamaa (qabiyyee dhaabbii)

<SDFIELD TYPE=DOCINFO SUBTYPE=CREATE FORMAT=TIME SDVAL="0" SDNUM="1031;1031;HH:MM:SS AM/PM" SDFIXED>03:58:35 PM</SDFIELD>

Guyyaa foyyii

<SDFIELD TYPE=DOCINFO SUBTYPE=CHANGE FORMAT=DATE SDNUM="1031;1031;NN DD MMM, YY">Wix 23 Gur, 98</SDFIELD>


Please support us!