LibreOffice 7.6 Help
Amalawwan kutaalee galmee kee keessatti moggaafamanii jijjira. Kutaa saaguuf, barruu filadhu yk galmee kee keessaa cuqaasitii, kana booda, Saagi - Kutaafiladhu.
Qaaqan Kutaalee Gulaali qaaqa Saagi - Kutaa dhaan walfakkata, akkasumaas, filannoota itti dabalataa kanaan gadii siif kenna:
Maqaa kutaa gulaaluuf barbaadduu barreessi, yk tarree keessaa maqaa Kutaa irra cuqaasi. Yoo qareen amma kutaa keessa jira tahe, maqaan kutaa kabala haalojii moggaa mirgatti foddaa galmee jalatti agarsiisa.
Kutaan haalojii hayyisa barreessaa ammaa mallattoo cufaatu, tarree maqaa keessaa duratti agarsiifame. Cufaa banaan hineegamu, cufaa dhammaan eegammaa dha. Akkasumaas, kutaaleen mul'atan mallattoo kalaalaatiin agarsiifame.
Qaaqa, Filannooiddoo akkaataa kutaa filatameef, teessumaa tarjaa, duubee, miiljaleef ibsadabalataa itti gulaaluu dandeessu bana. Yoo kutaan Iggitaan kan eegame tahe, jalqaba, iggitaa saaguu qabda.
Galmee irra kutaa filatame haqa. Akkasuumaas, qabeentaa kutaa, galmee keessatti saaga.