Amaloota Herregduu LibreOffice

Kutaan kun ilaalcha gubbaa kan dalagaawwan barbaachisaa tokko tokko fi dandeettii warra Herreegduun LibreOffice laatan of keessaa qaba.

Herreegduun LibreOffice, ogeejjiiwwan, dalagaawwan, fi gargaaraa dhangeessuu kan foormulaawwan uumuudhaaf sigargaaruu siif laatta. Kun hundiinuu foddaa filannoo keessatti bakka ati maalimaa feetu haantuutee cuqaasuun wantaa hojii kee keessatti saaguu dandeessutti tarreefamaniiru. Gargarsa wabii keessatti tarree haamataman fi fakkeenyawwan dadhaabsiissaa hedduutu jira.

Foormuulaa tokko uumuu

Akkuuma taattoowwan fi calaqqeewwan waliin taateen, foormulaawwanii galmee keessatti akka wantawwaniitti uumamu. Foormulaa tokko galmee keessatti saaguun, ofumaan Herreegduu LibreOffice kaasa. Foormulaa, filannoo guddaa isa malattoowwan durmurtaawaa fi dalagaawwan fayyadamuun uumuu, gulaaluu, fi dhangeessuu nidandeessa.

Qixaan Foormulaa tokko barreessuu

Yoo afaan Herreegduun LibreOffice waliin hojeechuu beekta tahe, akkasuumas foormulaa galmee keessatti barreessuu nidandeessa. Fakkeenyaaf, foormulaa kana galmee barruu keessatti barreessi: "a sup 2 + b sup 2 = c sup 2". Barruu kana filitii, Saagi - Wanta - Foormulaa filadhu. Barruun gara foormulaa dhangeefametti jijjiirama.

note

Foormulaan Herreegduu LibreOffice keessatti herreegamuu hindanda'u, kunis kan hintaneef gulaalaa foormulaati (barreessuu fi foormulaawwan mul'isaa) malee, sagantaa herregaa miti. Foormulaawwan herreeguudhaaf wardiiwwan fayyadami, ykn herrega salphaadhaaf, dalaga herregaa galmee barruu fayyadami.


Foddaa Ajajawwanii keessatti Foormuulaa tokko uumuu

Foormulaawwan galchuu fi gulaaluudhaaf, foddaa Ajajawwan Herreegduun LibreOffice fayyadami. Akkuuma foddaa Ajajawwanii keessa galchiteen, bu'aa galmee kee keessatti agarta. Yammuu foormulaawwan dheeraa fi xaxaa uumtu ilaalcha gubbaa hayyisiidhaaf, Qaree Foormulaa, kabala Meeshaalee irraa fayyadami. Yammuu dalagii kun ka'uu, bakkii qaree foddaa Ajajootaa keessaa akkasuuma foddaa barruu keessattis nimul'ata.

Malattoowwan Matamataa

Bocquuwwan kabiroo irraa mallattoowwan kee uumuu akkasuumas arfiilee alaaguu nidandeessa. mallattoowwan haaraa gara galaallee bu'uuraa kan mallattoowwan Herreegduun LibreOfficetti ida'uu, galaalleewwan addaa kan mata keetii uumuu nidandeessa. Akkasuumas, arfiilee addaa hedduutu argamu.

Foormulaawwan Halqara keessaa

To make working with formulas easier, use the context menus, which can be called up with a right mouse click. This applies especially to the Commands window. This context menu contains all the commands that are found in the Elements pane, and also operators, and so on, which can be inserted into your formula by mouse-click without having to key them into the Commands window.

Please support us!