LibreOffice 25.2 Help
Bocquu miseensa foormulatti fayyadamtuu ibsa.
Bocquulee jijjiiramtoota, lakkoofsoota fi barruu saagamn kanneen miseensa foormulaa kee uuman ibsuu ni dandeessa.
Saanduqni tarree qaaqa Bocquu keessa bocquu durtii miseensota hundaaf agarsiisa. Bocquu garagaratti jijjiruuf, Fooyyessi cuqaasi, ittaansun gosa miseensa filadhu. Saanduqni qaaqa haara ni dhufa. Bocquu yaadame filadhu akkasumas amaloota yaadamani kamiyyu mirkanneessa, ittaansuun Tole cuqaasi. Akka bocquu durtiitti jijjirra amma qindeessuuf, qabduu Durtii cuqaasi.
Yoo tokkoon tokkoon keeyyata barruu bocquu kabiroo atii barruu hundaaf fayyadamte alatti mallattoo itti godhu yoo barbaadde, achii ajaja Bocquu foddaa Ajaja keessatti galchi.
Bocquulee jijjiiramtoota foormulaa kee keessatiif filachu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, foormulaa x=SIN(y) kana keessatti, x fi y jijjiiramtoota, bocquu itti ramadame calaqqisiisu.
Maqaa fi amaloota faankishiniitif bocquu fili. Fakkeenyaaf, faankishinii foormulaa x=SIN(y) are =SIN( ) keessa.
Lakkoofsota foormulaa kee keessa jiraniif bocquu filachuu ni dandeessa.
Barruu foormulaa kee keessa jiraniif bocquu ibsa (hiika).
Qaaqa Bocquu kutaa kana keessatti bocquu ibsuu dandeessa, qaamoota barruu kabiroo foormulaa keessa wajjiin dhangeessuu ni dandeessa. Bocquulee bu'uura sadeen Serif, Sans fi Dhaabbata ni argamu. Bocquu kabiroo kamiyyu bocquu bu'uura ulaaga addunyaa guutun ijaaramanitti dabaluu ni dandeessa. Bocquu hundi system kee irratti ijaarame itti fayyadamuuf ni jira. Qabduu Fooyyessi jedhu filadhu filannoo tarree saanduqa keessa bal'isuu deegara.
Yoo bocquulee garagara foddaa Ajaja keessatti ajaja BOCQUU wajjiin qindeessite bocquulee maamiloo kun fayyadu.
Bocquu fayyadamuuf jirtuu dhangii bocquu serif ifteessu ni dandeessa. Serifs "qajeelcha" xiqqoo mullachuu danda'anii dha, fakkeenyaaf, jala qubee guguddaa A yeroo bocquu bay'isu serif fayyadamne. Serifs fayyadamuun baay'e faayidaqabeessa sababni isaa agartuu dubbistoota sarara qajeela irra qajeelcha akkasumas dubbisu si'ayesiisa.
Dhangeessuu bocquu sans tiif bocquu ifteessu ni dandeessa.
Dhangeessu bocquu dhaabbataa tiif bocquu ifteessu ni dandeessa.
Baafata ol bahuu kana keessa qaaqa Bocquu gahuuf filannoo tokkoo cuqaasi, bocquu fi amaloota foormulaa gita'etiif ibsuu ni dandeessa akkasumaas bocquu maamilootiif.
Jijjiira kee akka durtii foormulaa haara hundaaf olka'uuf qabduu kana cuqaasi. Jijjirroota erga mirkaneesite booda, qabduu yaa cuqaasi.