Sarartoota

bitaa fi qarree gara gubbaa iddoo hojii Impress LibreOffice itti, sarartuuwwan sarjaa fi surdalaa, islaayidii kee uumuuf akka si gargaaruuf fayyadamuu nidandeessa. Kutaawwan sarartuuwwanii warrii bakka islaayidii qabatnii jiran adiidha.

Sajoo Qaxxee

Wanta tokko yammuu filatu, gari isaa sarartuuwwan irratti akka sararawwan dachaa fajajaatti mul'ata. Wanticha haala sirreen hagamtaa jijjiiruuf, sararawwan dachaa keessaa isa tokko gara iddoo haaraa sarartuu irratti harkisi.


Islaayidii tokko irratti wanta barruu tokko yammuu filatuu, galumsawwanii fi caancalawwanii sarartuu sardalaa irratti agarsiissamu. Wanta barruutiif ijaarsa galumsa fi caancala jijjiiruuf, galumsa yk malkataa caancala tokko gara iddoo haaraa sarartuu irratti harkisi.

Akkasuumas, Sarar Ariitii tokko sarartuu tokko irraa akka wantawwan islaaydii kee irraa hiriirsuuf sigargaaruuf harkisuu nidandeessa.

Sarartuuwwan mul'isuu yk dhoksuuf, Mul'annoo - Sarartuuwwan filadhu.

Sarartuu tokkoof madaallii ifteessuuf, sarartuucha irra mirga-cuqaasi, kan booda madaalii isa haaraa tarricha irraa filadhu.

Eegala (qabxii 0)sarartuu jijjiiruuf, walkiphiinsa sarartoota lamaanii gara gubbaa bitaa iddoo hojiitti harkisi.Qajeelchootni sardalaa fi sarjaa ni mul'atu. Iddoo ati eegala akka ta'u barbaadde bira qajeelchootni sardalaa fi sarjaa gahanitti harkisuu itti fufi, sana booda gad lakkisi. Egala sarartoota lamani bakka durtiitti deebisuuf, walkiphinsa lama cuqaasi.

muudanawwan islaaydiichaa jijjiiruuf, sarartuuwwan keessaa qaree bakka adii harkisi.

Please support us!