LibreOffice 7.4 Help
Kaadimootni walsimsiisaa Interneetii argachuuf ta'an akka barbaadametti namaan qindaa'uu danda'u.
Qindaa'inoota kaadima walsimsiisaaifteessa.
Gosa qindaa'ina walsimsiisaa ifteessa.
Interneetii kaadima qalsimsiisaa malee argata. Interneetii kennaa kan walsimsiisaa hin barbaanne wajjin kornyoo kallattii kompiwutara kee irratti qindeessuuf si dandeessisa.
Kaadima walsimsiisaa akka namaan galchitu si dandeessisa. Kaadimoota walsimsiisaa akkaataa tajaajila Interneetii keetiin ifteessi. Walsimsiisaa fi buufatoota galchuuf taliigaa sirna keetii gaafadhu.
Maqaalee kaadimaa huddeelsoo aaloo malee barreessi. Fakkeenyaaf, http://www.sun.com osoo hin ta'in, www.sun.com barreessi.
Sirnoota Windows yookiin UNIX gubbaatti GNOME yookiin KDE fayydamuun, dirqaalli kun LibreOffice akka qindaa'inoota sirnaa fayyadamu itti hima. Qindaa'ina kana kakaasuuf LibreOffice lamkaasuu qabda.
Maqaa kaadima walsimsiisaa HTTP barreessi. Buufata badhee harka mirgaa keessatti barreessi.
Maqaa kaadima walsimsiisaa HTTPS barreessi. Buufata badhee harka mirgaa keessatti barreessi.
Maqaa kaadima walsimsiisaa FTP barreessi. Buufata badhee harka mirgaa keessatti barreessi.
Maqaalee kaadimootaa kan kaadimoota walsimsiistota kamiyyuu hin barbaanne,buufata xiqqaan qooduun ifteessa. Isaan kunneen kaadimoota cimdaa kee naannoo keessatti argamanii fi kaadimoota yaa'a dhageettii fi viidiyootiif fayyadani,fakkeenyaaf.
Iddooqota maqaalee afeertuu fi qayeef fayyadamuu dandeessa.Fakkeenyaaf,afeertota qayee sun.com keessa jiran hunda walsimsiisaa malee argachuuf *.sun.com barreessi.
Gita kaadima walsimsiisaaf buufata barreessi. Gatiin fiixee lakkoofsa buufataa dhaabbataa 65535 dha.