LibreOffice 24.8 Help
Yeeroo gingilchaa XML LibreOfficef uumtu, Wardii akkaataa XSLT kan gara dhangii faayilii XML Open Dokumentiitti fi open Dokumentii irraa jijjiiru saxaxuu qabda.
For more information about the OpenDocument XML format, go to https://www.openoffice.org/xml/.
Akkaataa LibreOffice galmee XML alaagde irratti fayyadamuuf yoo barbaadde, gingilchhaake waliin Qajojii dabaluu ni dandeessa.
Geeddarama XSLT wardii akkaataa kan maalimaawwan dhangii XML alaantoo irraa gara maalimaawwan dhangii faayilii XML Open Dokumentiitti barruyyeesse duubatti deebisu uumi.
Yeeroo faayilii dhangii kanaa gara LibreOffice alaagdu, qajojii kan akkaataalee LibreOffice maalimaawwan ykn miseensota dhangii XML alaantoo keessatti ramadu uumi.
Barreessaa LibreOffice keessatti, galmee barruu uumiti
filadhu.Haaraa cuqaasi.
Qaaqa Gingilchaa XML keessatti, caancala Waliigala cuqaasiti amaloota gingilchaa qindeessi.
Sanduuqa Maqaa Gingilchaa keessatti, maqaa ginglilchaa XML galchi.
Maqaan kuni qaaqa Qindaa'inoota Gingilchaa XML keessatti agarsiisama.
Saanduqa Fayyadama keessatti, fayyadama LibreOffice gingilchaan kuni isaaf ta'e galchi.
Sanduuqa Maqaa Akkaakuu Faayilii keessatti, akkaakuu faayilii gingilchaan kuni isaaf ta'e galchi.
Maaqaan kuni tarree akkaakuuwwan faayilii keessatti qaaqawwan Bani, Alergii, fi Akka olkaa'i keessatti agarsiisama.
Saanduqa Dheertoo Faayilii keessatti, dheertoo faayilii alergamanii galchi.
Faayilii kana faayilii XML kan biroo irraa adda baasuuf, dheertoo tokko *.xml irraa kan hafe galchi.
Caancala fuulaa geedarama irratti, geedarama amaloota gingilchaaf qindeessi.
(Dirqalee) Sanduuqa Akaakuu Galmee keessatti, Addiraa akaakuu galmee kan dhangii faayilii alaantoo galchi.
Addiraan kuni yeeroo alaagii akaakuu faayilii arga.
Saanduqa XSLT Alergiif keessatti, xurree fi maqaa faayilii wardii akkaataa XSLT isa geedarama dhangii galmee bani irraa gara dhangii alaantoo qindeessu galchi.
Saanduqa XSLT Alaagiif keessatti, xurree fi maqaa faayilii gara wardii akkaataa XSLT, isa geeddarama dhangii alaantoo irraa gara dhangii galmee banitti qindeessu galchi.
(Dirqalee) Sanduuqa Qajojii Alaagiif keessatti, xurree fi maqaa qojojii akkaataalee LibreOffice kan qindeessu, kan faayilii alaagame keessatti fayyadaman, galchi.
Faayiloonni fuula caancalaa Geeddarama irratti ifteessaman gara galeeloo fayyadamaa qe'ee LibreOffice tti galagalchamu.
Click OK.
Yaalii bu'uura ta'an gingilchaa XML mammiloo kan LibreOffice keessaa irratti hojechuu ni dandeessa.
Galmeen kuni yaaliiwwan kanaan hin jijjiramne.
Galmee barruu bani ykn uumi.
filadhu.
Tarree gingilchaawwan keessaa, gingilchaa yaaluuf barbaaddu filadhuuti Yaalii XSLTs cuqaasi.
To test an Export filter, do one of the following in the Export area of the dialog:
Sakatta'i cuqaasi, galmee LibreOffice isa yaaluu barbaaddu filadhuutii, Bani cuqaasi.
Galmee ammee yaaluuf, Galmee Ammee cuqaasi.
To test an Import filter, click Browse in the Import area of the dialog, select a document, and click Open.