Qaamolee UNO haaraa gamteessuu

Saganteessitoonni qaamolee UNO/WCM(Universal Network Objects/Wantoota Cimdaa Marlaalaa) dhuunfaa isaani LibreOfficetti barrreessanii gamteessuu ni danda'u.Qaamolee haaraan sun baafataa fi kamshaawwan LibreOffice tti ida'amuu ni danda'u; "Moosaagii-xiqqaa" jennee isaan waamna.

Gamtaan qaamolee haaraa meeshaalee fi tajaajiloota muraasan deeggarama. Bal'inni Qajeelcha Oomishaa LibreOffice keessatti argamuu ni danda'a. Ejjatoowwan gurguddoo sadii akka armaan gadiiti:

  1. Qaamolee haaraa LibreOffice keessaa galmeessi. Kuni meeshaa unopkg kan sagantaa {installpath} keessatti argamuu danda'u fayyadamuun bakkaan gahuun ni danda'ama.

  2. Qaamolee haaraa akka tajaajilootaatti gamteessi. Tajaajilootni AolooQabdootni fi HojiiAjjeestonni si gargaaru; odeefannoo irra caalaan Qajeelcha Oomishaa LibreOffice irraa argamuu ni danda'a.

  3. Walquunnama fayyadamaa(baafata yookiin kamshaawwan) jijjiiri. Kuni irra caalaa ofumaan faayilii barruu XML kan jijjiirama ibsu barreessuun hojjetamuu ni danda'a. Odeefannoo irra caalaan Qajeelcha Oomishaa LibreOffice irraa argamuu ni danda'a.

Moosaagii-xiqqaan dalagaa LibreOffice bal'isuu ni danda'a.Isaan kan Calc LibreOffice tiif dalagaalee haaraa kennutti hin hidhaman.

Please support us!