LibreOffice 25.2 Help
Sududaan LibreOffice irraa faaksii erguuf, moodamii faaksii fi ooftuu faaksii kan fayyadamoota moodamii faaksii waliin akka wal quunnaman eeyyamu si barbaachisa.
Faayilii - Maxxansi filachuun qaaqa Maxxansi baniiti ooftuu faaksii sanduuqa tarree Maqaa keessaa fili.
TOLE cuqaasuun ooftuu faaksii keetiif qaaqa bakka itti fudhataa faaksii filachuu dandeessu bana.
LibreOffice akka cuqaasni qeenxeen sajoo irrattii ofumaan galmicha ammaa akka faaksiitti ergutti qindeessuu ni dandeessa.
Choose - LibreOffice Writer - Print.
Sanduuqa tarree Faaksii irraa ooftuu faaksii filiitii TOLE cuqaasi.
Dhuma kabala Walta'ina irraa sajoo xiyyaa cuqaasi.Baafata gadbuusaa keessaa, Maamileessi fili.
Fuulli caancalaa Kamshaas qaaqa Maamileessi ni mul'ata.
Ajajoota Ida'i cuqaasi.
Akaakuu "Galmeewwanii" filiitii, ajajicha "Faaksii Durtii Ergi" filadhu.
Ida'i cuqaasiitii Cufi.
Fuula caancalaa Kamshaawwan irraa, qabduu xiyya gadee sajoo haaraa bakka qubaachiisuu barbaaddu cuqaasi.TOLE cuqaasi.
Kaballi Walta'ina kee amma galmee ammaa akka faaksiitti erguuf sajoo haaraa qaba.