Mul'annoo Madda Deetaatiin Harkisii Kaa'i

Karaan saffisaa madda deetaa irraa garakeessa barruutti yookiin galmee wardiitti garagalchitu, yookiin madda deetaa irratti hundaa'uun unkoota uumuuf oolu harkisanii kaa'uu dha.

Deetaa garagalchaa akeektuu hantuutee

Harkisanii kaa'uutiin garagalchuu

Yoo harkisanii kaa'uu garagalchuu barbaadde, galmee ke keessa qaree qubachiisiiti Gulaali - Gaabbi fili.

tip

Galmee irraa gara madda deetaatti harkisanii kaa'uudhaanis garagalchuun ni danda'ama:


tip

Gabateen barruu yookiin hangiin filatamaa wardii harkisanii kaa'uu fayyadamuun gara qabataa gabatee iyyaafataa madda deetaa keessaatti harkifamuu ni danda'a.


tip

Barruun leexaa galmee tokko irraa gara dirree deetaa mul'annoo madda deetaa keessaatti harkisanii kaa'uu fayyadamuun garagalchamuu ni danda'a.


Galmee barruu keessaa deetaa fayyadamuuu

Maqaa dirree irraantoo tarjaa mul'annoo madda deetaa irraa gara keessa galmichaatti harkisuun dirree kuusdeetaa barruu galmee keessaa saaguu ni dandeessa. Kuni keessumaayyuu yommuu xalayoota unkaa saxaxxu fayyada.Dirreewwan barbaachisan - teessoo manaa, unka teessoo, fi kanaaf kan kana fakkaatan garakeessa galmee keetti salphaatti harkisi.

Kuusaa guutuu saaguuf, irraantoo walitti dhufoo filadhuutii garakeessa galmichaatti harkisi. Yommuu qabduu hantuutee gad lakkistu, qaaqni the Tarjaawwan kuusdeetaa saagi. ni mul'ata, kan keessatti dirreewwan kuusdeetaa hundaa fayyadamuu, fi deetaa gara keessa galmichaatti akka barruutti, gabateetti yookiin dirreewwaniitti garagalchuu murteessuu dandeessu dha.

Galmee gabateetti deetaa fayyadamuu.

Tarreewwan mul'annoo madda deetaa keessaa filattee garakeessa wardiichaatti harkistee isaan kaa'uun kuusaawwan tokko yookiin isaa ol garakeessa wardii wardiicha ammaatti saaguu ni dandeessa. Deeticha bakka ati itti qabduu hantuutee gadlakkiftutti saagama.

To'annoowwan akka unka barruutti saaguu.

Yommuu unka barruu kuusdeetaatti hidhame uumtu, mul'annoo madda deetaa irraa harkisanii kaa'uudhaan to'annoowwan uumuu ni dandeessa.

Yommuu tarjaa kuusdeetaa garakeessa galmicha barruutti harkistu dirree ni saagda. Osoo harkisaa jirtuu yoo Shift+ gadi qabde, dirreen barruu ni saagama, dirree moggaasaa mijaawaa waliin gurmaa'a. Dirreen barruu durumaan odeeffannoo kuusdeetaa hundaa kan ati unkaaf barbaaddu qabateera.

Please support us!