Galmee LibreOffice Keessaa Harkisanii Kaa'uu

Harkisanii kaa'uu fayyadamuutiin wantoota siiqsuu yookiin garagalchuuf dirqalee hedduun ni jiru. Kutaalee barruu,wantoota fakkasaa, saxaatoo, to'annoowwan unkaa, geessituu, hangiiwwan man'ee fi dabalataan hedduu hantuuteetiin siiqsamuu yookiin garagalchamuu ni danda'amu.

Akeektuun hantuutee yommuu garagalchu mallattoo ida'uu fi yommuu geessituu uumu mallattoo xiyyaa agarsiisuu isaa hubadhu.

Akeektuu Hantuutee

Ibsa

Akeektuu hantuutee deetaa siiqsu

Siiqsuu

Akeektuu hantuutee deetaa siiqsu

Garagalchuu

Akeektuu hantuutee geessituu galchuu

Geessituu uumuu


yookan Shift+ Osoo qabduu hantuutee gadlakkisaa jirtuu yoo dhiibde, wantichi garagalchamuu, siiqsamuu, yookiin geessituun uumamuu isaa to'achuu ni dandeessa.

Icon Drag Mode

Yoo wantoota Naannessaa keessaa gad harkifte,wanticha garagalchamuu,akka geessituutti saaguu yookiin akka hyperlink tti saaguu isaanii sajoo Haalata Harkisuu baafaticha xiqqaa Naannessichaa ifteessuu ni dandeessa.

tip

Qabduu hantuutee osoo gad hin lakkisiin dura furtuu Esc dhiibuun yeroo kamiyyuu LibreOffice keessaa dalagaa harkisanii kaa'uu haquu ni dandeessa.


Please support us!