LibreOffice 25.2 Help
You can insert text into other document types, such as spreadsheets and presentations. Note that there is a difference between whether the text is inserted into a frame, a spreadsheet cell, or into the outline view of a presentation.
Yoo barruu gara gabaticha muraatti garagalchite, amaloowwan barruu waliin yookiin malee isa maxxansuu dandeessa. Garagalchuuf furtuuwwan qaxxaamuraa
+C fi maxxansuuf +V fayyadami.Dhangiicha akkaataa qabiyyeewwan gabatee muraa itti maxxanfaman filachuuf, kabalicha walti'ina irraa xiyyicha cinaa sajoo Maxxansa cuqaasi, yookiin Gulaali - Maxxansa Addaa filiitii, achii dhangiicha anjii fili.
Yoo galmeen barruu matadureewwan akkaataa keewwaticha matadureetiin dhangeessaman qabate,Faayilii - Ergi - Toorii gara Dhiyeessaatti fili. Galmeen dhiyeessaa haaraan kan mataduree akka tooriitti qabatu ni uumama.
Yoo tokko tokkoo mataduree keewwatoota itti hidhaman isaa waliin dabarsuu yoo barbaadde, ajajicha Faayilii - Ergi - AxeeraraOfumaa gara Dhiyeessaatti fili. Ajaja kana arguu danda'uuf akkaataa keewwata walitti dhufoo waliin matadureewwan dhangeessaaman qabaachuu qabda.
Yoo barruu filattee harkisanii-kaa'uun garakeessa wardiitti harkiste, bakka hantuutee gad lakkiftutti akka barruutti garakeessa man'eetti saagama.
Yoo barruu gara mul'annoo baratamoo dhiyeessaatti harkiste, wanti OLE akka itti-suuqa LibreOffice tti saagama.
Yoo barruucha gara mul'annoo toorii dhiyeessaatti harkiste, bakkicha qaree jirtutti sagama.