LibreOffice 7.1 Help
Ijaartuun Gabaasaa meeshaa gabaasawwan kuusdeetaa mataa keetii uumuuf si tajaajila. Masaka Gabaasaa malee Ijaartuu Gabaasaa fayyadamuun gara barbaaddeen gabaasa saxaaxuu dandeessa. Gabaasni uumame galmee Barreesituu kan ati gulaaluu dandeessuu dha.
To use the Report Builder, the Report Builder component must be installed. In addition, the Java Runtime Environment (JRE) software must be installed, and this software must be selected in LibreOffice.
Ijaartuun Gabaasaa Java Runtime Environment (JRE) barbaada.
Choose LibreOffice - PreferencesTools - Options - LibreOffice - Advanced.
Hanga daqiiqaa tokkoo eegi, sirna kee irratti waan sooftiweerii Java ijaaruuf.
Yoo sirna kee irratti JRE inni ammaa kan fooyya'e jiraate, tarree keessatti galtee agarta.
Qabduu kana fuuldura galfataa biratti cuqaasi fooyya'aa JRE LibreOffice fayyadamuuf.
Use a Java runtime environment is enabled.
If no JRE version is found on your system, open your web browser and download the JRE software from http://www.java.com. Install the JRE software. Then restart LibreOffice and open LibreOffice - PreferencesTools - Options - LibreOffice - Advanced again.
Faayila Base tokko bani ykn kuusdeetaa haaraa tokko uumi. Kuusdeetaan kunis yoo xiqqaate gabatee tokko innis yoo xiqqaate dirree deetaa fi dirree furtuu durtii tokko waliin qabaachuu qaba.
Sajoo Gabaasaa foddaa Base keessaa cuqaasi, kana booda Mul'annoo Saxaaxaa keessaa Gabaasa Uumi jedhu filadhu.
Foddaan Ijaartuu Gabaasaa ni banama.
Ijaartuun Gabaasaa bakka saditti hirama. Gara gubbaatti baafata, gara gadiitti ammoo kamshaalee agarta.
Gara mirgaatti foddaa Amalootaa, gatiiwwan amalaa warra wanta ammee filamanii waliin agarta.
Foddaan Ijaartuu Gabaasaa inni gara bitaa mul'annoo Ijaartuu Gabaasaa agarsiisa. Mul'annoon Ijaartuu Gabaasaa jalqabarratti gubbaadhaa gara jalaatti iddoo saditti hirama:
Irraantoo Fuulaa - naannoo Irraantoo Fuulaa keessatti dirreewwan to'annoo barruu dhaabbii waliin harkisa
Bal'inaan - naannoo Bal'inaa keessatti dirreewwan kuusdeetaa harkisee kaa'a
Jalaantoo Fuulaa - naannoo Jalaantoo Fuulaa keessatti dirreewwan to'annoo barruu dhaabbii waliin harkisa
Naannawaa dabalataa Irraantoo Gabaasaa fi Jalaantoo Gabaasaa galchuuf, filadhu. Naannoon kun barruu warra jalqabaa fi dhuma gabaasaa guutuu irratti mul'atan of keessaa qaba.
Sajoo "-" fuuldura maqaa naannoo irratti cuqaasi, innis naannoo san mul'annoo Ijaartuu Gabaasaa keessatti qoncoorsuuf. Sajoon "-" gara "+" jijjiirama, atis naannoo bal'isuuf cuqaasuu dandeessa.
Naannawaa Bal'ina keessatti dirreeewwan kuusdeetaa harkistee dhiisuun galchita. Kutaa "Gabaasatti dirree galchuuf" jedhu kan gadii ilaali.
Dabalataan, Asxaa Dirree ykn Saanduqa Barruu kamshaalee keessaa cuqaasi, san booda Irraantoo ykn Jalaantoo Fuulaa keessaa reektaangilii harkisi, barruu hunda fuula tokkoorra jiru ibsa. Asxaa saanduqa foddaa Amalootaa waalgitan barruu isaanii galchi. Sajoo Saxaatoo fayyadamuun saxaatoo ida'uu dandeessa.
Hantuutee gara mul'annoo Amalootaatti siqsi. Fuula caancalaa lama Waliigala fi Deetaa ni agarta.
Fuula caancala Deetaa irratti, saanduqa makaa banuuf Qabeentaa cuqaasi.
Gabatee gabaasa uumuuf barbaadde filadhu.
Erga gabatee filattee, furtuu sanduqa Qabeentaa keessaa bahuuf dhiibi.
The Add fields to report window opens automatically and shows all fields of the selected table.
Gabaasni raawwatamuuf kan qophaa'u erga dirreewwan mul'annoo Gadifageenyaa keessatti galee booda dha.
Sajoo gabaasa raawwii kamshaalee irraatti cuqaasi.
Galmeen Barreesituu banameet gabaasa uumte si agarsiisa, innis gatiiwwan hunda gabatee kuusdeetaa galchite qabaata.
Yoo qabeentaan kuusdeetaa jijjiirame, bu'aa gabaasaa fooyyeessuuf gabaasa lammata raawwadhu.
Jalqaba gabaasa akka gulaaluu barbaaddu murteessi, innis galmee Barreessituu dhaabbataa, ykn yoo mul'annoo Ijaartuu Gabaasaa gulaaluu barbaaddee, itti aanee saxaaxa haaraa irratti hundaa'ii gabaasa haaraa burqisiisi.
The Writer document is opened read-only. To edit the Writer document, click Edit Document on the information bar, or choose Edit - Edit Mode.
Yoo mul'annoo Ijaartuu Gabaasaa gulaaluu barbaadde, amaloota isaa tokko jijjiiruu dandeessa.
Bal'ina keessa cuqaasi. Itti aanee foddaa Amalootaa, amaloota xiqqoo jijjiiri, fakkeenyaaf halluu duubbee.
Erga xumurtee, gabaasa haaraa uumuudhaaf sajoo gabaasa raawwadhuu cuqaasi.
Yoo Ijaartuu Gabaasaa cufte, akka gabaasni cufame ni gaafatamta. Eeyyeen ega cuqaaste maqaa gabaasaa kenni OK cuqaasi.
Foo'nsaa ykn gurmeessuun alatti, galmeewwan tartiiba kuusdeetaa keessaa kebaaffatamuun gabaasatti gala.
Mul'annoo ijaartuu gabaasaa baniitii sajoo fo'iinsaa fi gurmeessuu kamshaa irraa cuqaasi. Qaaqa fo'iinsaa fi Gurmeessuu ni argita.
Saanduqa Gurmuuwwanii keessatti, akka dirree foo'insa duraatti barbaadde cuqaasiti amala Foo'insaa sirreessi.
Gabaasa raawwadhu.
Mul'annoo ijaartuu gabaasaa baniitii sajoo fo'iinsaa fi gurmeessuu kamshaa irratti cuqaasi. Qaaqa fo'iinsaa fi Gurmeessuu ni argita.
Saanduqa Gurmuu keessatti, saanduqa tarre Irraantoo Gurmuu bani akkasumas irraantoo gurmuu agarsiisuuf.
Foddaa Dirree Ida'aa banuuf sajoo Dirree Ida'aa cuqaasi.
Kutaa irraantoo gurmuutti gurmeessituuf galfata dirree harkisii dhiisi.Dirreewwan hafan immoo kutaa Gadfageenya keessatti harkisii dhiisi.
Gabaasa raawwadhu. Gabaasni gurmuu gabaassawwanii agarsiisa.
Yoo foo'uu fi gurmeessuu barbaadde, mul'annoo Ijaartuu Gabaasaa bani, san booda qaaqa fooyinsaa fi gurmeessuu bani. Irraantoo Gurmuu dirreewwan gurmeessuu barbaaddee agarsiisuuf filadhu, fi dirree akka foo'amu barbaaddeef immoo Irraantoo Gurmuu dhoksuuf filadhu. Foddaa Fooyinsaa fi Gurmeessuu cufiti gabaasa raawwadhu.
Yoo deetaa haaraa tokko galchite ykn deetaa gabatee keessa jiru gulaalte, gabaasni haaraan deetaa fooyya'e agarsiisa.
Sajoo gabaasaa cuqaasitii gabaasa dura kuuste lama cuqaasi. Galmee barreessaa haarawaan kan deetaa haaraa agarsiisu ni uumama.
Gabaasa maxxansuuf,
galmee barreessituu keessaa filadhu.