LibreOffice 7.6 Help
Akaakuu maxxansaa murteessa.
Yoo goodayyaa dabalii, mata duree uumuu, ykn yaadannoo dhiheessaa mul'isuu barbaadde, ifteessuu dandeessa.
Bu'uura qindaa'inaa alergii yaadameef qindeessa.
Fuula alergii irraa fuula durtii HTML uuma.
Fuula durtii HTML goodayyoota wajjin uuma. Fuulli alergii goodayyoo duraasaa keessa taa'a, goodayyoon gara bitaa gabatee baafattootaa akka unka geessituutti mul'isa.
Galmee keetiif fuula matduree uumi.
Yaadannoon kees mul'achuu isaa ifteessi.
Dhiheessa durtii HTML akka alergii kiyooskiitti uuma, kan islaayidiin ofumaa ol'aanaa ta'u yeroo hamma ta'eef erga ifteeffameen booda.
Darbiinsi islaayidii yeroo tokko tokkoo islaayidiif dhiheessa keessatti qindeessite irratti hundaa'a. Yoo darbiinsa fuula hujeekaa qindeessite, dhiheessi HTML fuula haaraa furtuu kamuu saddeeqa qubee kee irraa dhiibuun beeksisa.
Fuulli darbiinsaa yeroo murtaa'ee dabreen booda ofumaan iddoo fudhatan qabannoowwn dhiheessaa irratti hin hundaa'u.
Hamma yeroo islaayidii tokko tokkoo agarsiistuuf qindeessi.
Erga islaayidiin dhumaa agarsiifameen booda dhiheessi HTML ofumaan deebi'ee jalqaba.
Alergii Tamsa'inaSaaphapuu keessatti, barruun ofumaanii parlii wajjin ykn gargaarsa ASP'n madda. Kun dubbataa(fakkeenyaaf, dubbataa kulanoo bilbiltoo keessatti agarsiisa islaayidii interneettirraa fayyadamuun) islaayidii iyya'aa saphaphuu dhaggeefattootaa keessatti jijjiiruuf dandeessisa. Kutaa kana keessatti odeeffannoo baay'ee Tamsa'inasaphaphuuirraa barbaaduu dandeessa.
Yommuu filannoo ASP filattu, alergiin tamsa'inasaphaphuu fuulota ASP uuma. Dhiheessan HTML kaadima saaphaapuu gargaarsa ASP qofaan dhibaafame.
Fuula HTML fi barruu parlii uumuuf alergii tamsa'inasaphaphuun fayyadame.
Dheehessa ilaaluuf URLii(gonkaa ykn sadhaatawaa) mul'isaan galu ifteessa.
URLii (gonkaa ykn sadhaatawaa) ifteessi, iddoo dhiiheessi HTML uumamee kaadima saaphapuu irratti olkaa'ame.
Barruu parlii maddeef URLii (gonkaa ykn sadhaatawaa) ifteessi.
Teeknoolojii Tamsa'inasaphaphuu fayyadamuun dhiheessa LibreOffice Impireessi: Active Server Pages (ASP) fi Peerlii alerguuf filannoo lamatu danda'ama.
Kamiiyyuu keessatti, Tamsa'innisaphaphuu parlii ykn ASPii akka barruutti dhibaasuuf kaadima HTTP barbaada. Kanaafuu, filannoon alerguu kaadima HTTP fayyade irratti hundaa'a.
ASPiitti alerguuf, galmeen LibreOffice Impireessi keessatti Faayelii - Alergiifilata. Qaaqa Alergiilaali kan galmee HTML akka akaakuu faayeliitti filatte. Yeroo tokko galeeloo erga filattee fi maqaa faayelii galchite, Kaa'uu cuqaasi. ALerguuf akka ASPtti, maqaa faayelii "secret" faayelii HTMLiif filamef yaada kennina(odeeffannoo dabalataaf kan kanaa gadii ilaali). Achiin qaaqa Alerguu HTML ilaali. Faayeloonni baay'een galeeloof barreeffaman kan duraan filattee dha.
Islaayidii dhaggeeffatootaan mul'atan gidduu jijjiiruuf dhiheessaan maqaa faayelii gale fayyadama. Faayelii tamsa'inasaphaphuu qe'ee olkaa'uu dandeessa ykn kallattin kaadima HTTPirra olkaa'i. Booda faayelii qe'ee olkaa'ame gara kaadima HTTP tti FTP'n dabarsuu dandeessa. Beekuu kan qabdu Tamsa`iniSaphaphuu kan hojiirra oolu faayilootni HTTP severii irraa barbaachisani qofa.
Alergoota HTMLii adda addaa lamaaf galeeloo walfakkaataa hin fayyadamini.
Tamsa'inaSaphaphu fili akka akaakuu maxxansa fuula lammaffaa Masaka Alergii HTML irrattii.
Naannoo filannoo tamsa'inasaphaphuu keessatti, filannooFuulota Kaadima Ka'aa(FKK)fili. Qindaa'inoota biroo itti fuftee qindeessuu dandeessa ykn alergii qabduu Createcuqaasuun jalqabi.
Akkuma faayeloonni alergeen kaadima HTTP irraa gaheen Tamsa'inasaphaphuu fayyadamuu dandeessa.
Fakkeenya:
Kompitara kee irratti kaadima odeeffannoo intarneetii maykirosoftii ijaarte jennee haayaadnu. Galeeloo "c:\Inet\wwwroot\presentation" akka galeeloo bahaa HTMLiitti galchite yeroo qindeessa IIS. URL kompitara kee akka "http://myserver.com"tti yaadame.
Faayelii yeroo demicha alergii uumame galeeloo c:\Inet\wwwroot\presentation\ keessa olkeessa. Galeeloo kana keessatti, alergiin faayelii HTML moggaafame uuma, fakkeenyaaf akka "secret.htm". Maqaa kana qaaqa olkaa'ame keessa galchite(armaan olii laali). Dhiheessaa faayelii alergii HTMLtiif http://myserver.com/presentation/secret.htm URL galchuudhaan gargaarsa JavaScript iyyaafataa HTTP qabu kamuu keessatti sakatta'uu danda'a. Dheheessaan amma too'annaa tokko tokkoon fayyadamuun fuula haaromsuu danda'a.
Dhaggeeffattoonni islaayidii dhiheessaan filatame URL http://myserver.com/presentation/webcast.asp. keessan ilaalu. Hanga maqaan faayelii hin beekamnetti, islaayidii URLitti argamutti siquu hin danda'an. Mee kaadimni HTTP caqasa galeeloo akka hin mul'isne dhugoomsi.
Aleguuf, galmee LibreOffice Impireessi keessatti Faayelii- Alergii fili. Kun qaaqa Alergii bana, kan Galmee HTML akka akaakuu faayeliitti filatte. Erga ukaankaa filattee fi maqaa faayelii galchitee booda, Olkaa'i cuqaasi. Kun Masakaa Alergii HTML bana. Kun faayeloota tokko tokkoo ukaankaa filattetti barreessa.
Dhiheessaan islaayidii keessa geeddaruuf maqaan faayelii galee fayyadama. Mee galeeloo duwwaa filadhu.
Alergii HTMLii fuula lammaffaa keessatti, Tamsa'inasaphaphuu akka akaakuu maxxansaatti fili.
Bakka dirqalaa keessatti LabsiiSaphaphuuf, Peerlii fili.
Saanduqa barruu URLii dhaggeeffatootaaf keessatti, maqaa faayelii galmee HTML kan dhaggeeffattootaan fayyadame galchi. URLii dhiheessafkeessatti, URLi galiiloo kan dhiheessaf fayyade galchi, URLi barruuwwaniifkeessatti, galeeloo barruu CGIf galchi. Qindaa'ota fuulota armaan gadii masakichaa irratti dabaltee qindeessuu dandeessa ykn adeemsa alergii qabdoo Uumi cuqaasudhaan jalqabi.
Faayeloonni yeroo alergii uumaman dirqama amma parlii kaadima HTTP qindeessise keessatti qindaa'a. Kun ofumaan hin hojjatu sababiin isaa kaadimoonni HTTP adda addaa gargaarsa parlii akaakuu garaagara waan qabaniif. Dhawaatiin hordofamuu qabu kanatti aanee ibsama. Mee hujeeka kaadimaa kee ilaali ykn bulchaa saphqunnamtii kee gaafadhu akkamitti dhawaata kana kaadima kee irratti dalageessitu.
Jalqaba faayeloota yeroo alergii uumaman gara galeeloo sirrii kaadima HTTPirraatti siksuu qabda.
Faayelii dheertowwan htm,jpg fi gif qaban hunda galeeloo kaadima HTTP kee kan saanduqa barruu URLii dhiheessaf keessatti ilaalametti siksi.
Faayeloonni hunduu p1 fi dheertowwan txt gara galeelootti siqe kaadima HTTP kee irratti qaban kan saanduqa barruu URLii barroota parliif keessatti ilaalamedha. Galeeloon kun haala barruu parlii achitti qabateen qindeeffameen itti dabalees fedha HTTPiidhaan ka'a.
Sirna hiyyama UNIX irratti faayeliin dheerattoo P1 wajjin kaadima HTTP dhaan mirga rawwachuu qaba. Akka baratametti, kun ajaja chimoodii wajjin hojjata. Faayeliin currpic.txt dirqama akka kaadima HTTP dhaan barreeffamuu danda'utti qindeeffama.
Amma Tamsa'inaSaphaphuu fayyadamuu dandeessa.
Fakkeenya:
Fakkeenya kana keessatti, kompitara linuuksii kaadima HTTP wajjin qabda. URLiin Kaadimaan HTML kee http://myserver.com fi galeeloo bahaan galmee HTMLi kee galeeloo //user/local/http/dha. Barruuwwan parlii kee galeeloo //user/local/http/cgi-bin/ keessatti qabamu. secret.htm akka maqaa faayelii alerguutti fi presentation.htm akka URLii dhaggeeffatootaaf galchi. Saanduqa barruu URLii dhiheessaf keessatti http://myserver.com/presentation/ galch. URLii barruuwwan parliif tiif http://myserver.com/cgi-bin/.
Amma, faayeloota *.htm, *.jpg fi *.gif hunda galeeloota irraa kan yeroo alergii galeeloo//user/local/http/presentation/ kaadima HTTP kee irraa keessatti ifteeffame fi faayeloota dheertoo *.pl fi *.txt galeeloo //user/local/http/cgi-bin/ keessatti garagalcha.
Akka hundeetti kaadima kee irra seeni. Galeeloo //user/local/http/cgi-bin/ tti geeddaruudhaan ajaja chimoodii fayyadamuun walgita sirrii qindeessuu dandeessa.
Yeroo tokko faayeloota parlii ijaaruu yoo xumurte, dhiheessaan dheheessa kennuu danda'a. Dhaggeeffattoonni dhiheessa kan URL http://myserver.com/presentation/presentation.htm.jalatti laaluu danda'u.