LibreOffice 24.8 Help
Masakiicha jalqabuun akka qajojii ajendaa uumtuu si gargaara. Walgahi fi mariidhaaf matadureewwan marii murteessuuf agandaa fayyadamuu dandeessa.
LibreOffice'n fakkeenya qajojii ajendootaa kan akka feedhii keetif toluutti foyyeessuu dandeessu waliin masakiichii, qajojiiwwan galmee kan uuman teessummtaa fi saxaxi dirqootoota baayyee si laata. LibreOffice'n qajojiilee faaksii galmeewwani, kan fedhii keetif akka sif toluutti masakiichaan foyyeessuudandeessuu kunneen waliin mul'ata. Galmeen dusrsa ilaalii faaksii argame akkamitti akka xumurtu siif ibsa.
Masakiicha keessatti, galfata kankee yeroo barbaadeetti fooyyeessuu dandeessa. Fuuloota mara ykn fuuloota kana hunda dhisuu dandeessa, yeroo kana, qindaa'ini amma (durtii) hojii irra jira.
Fillannota fuula duraani irrati filataman irratti deebisa. Qindaa'inni amma ni hojata. Qabduun kun fuula tokkooffaan booddatti qofa ka'aa ta'a.
Masakiichii qindaa'inoota ammaa olkaa'tte gara fuula itti aanuuti darba. Erga fuula maayyii geessen boodatti, qabduun kun hin si'awu.
Filannoolee keetirratti hundaa`uun, masakiichii galmee qajojii uumeetti baxxee jabaa keetirratti olkaa'a. Qajojiicha irratti hundaa'uun galmeen haarofni iddoo hojii keessatti mul'ata, maqaa faayiliichaa jedhuu waliin "UntitledX"'n (lakkoofsa ofumaa kan jedhu bakka bu'a).
LibreOffice'n qindaa'inoota ammaa akkaataa qajojii galmee filatameen maskiicha keessatti olkaa'a. Yemmuu masakiicha yeroo lammaffaaf ka'aa taasistuu kunnen immoo akka qindaa'inoota durtiitti fayyaduu.