Waliigala

Odeeffannoo walii galaa galchi yookaan gulaaligingilchaa XML.

Ajaja kana bira gahuuf...

Tools - Macros - XML Filter Settings, then click New or Edit.


Maqaa gingilchi

Sanduuqa tarree qaaqa Qindaa'inoota gingilchaa XML keessatti maqaa agarsiisuu barbaaddu galchi . Maqaa addayyaa galchuu qabda.

Fayyadama

Fayyadama gingilchaa waliin fayyadamuu barbaaddu filadhu.

Maqaa gosa faayilii

Maqaa agarsiisuu barbaaddu sanduuqa qaaqawwanii Gosa faayiliitti keessa galchi. Maqaa addayyaa galchuu qabda. Gingilchoota alaaguuf, maqichi sanduuqa qaaqawwan Gosa faayilii keessatti Bani mul'ata. Gingilchoota alerguuf, maqichi qaaqawwan Dhangii faayilii sanduuqa Alerguu mul'ata.

Dheertoo faayilii

Yeroo faayilii osoo gingilchaa hin qindeessiin bantu fayyadamuuf dheertoo faayilii galchi. LibreOffice gingilchaa kam akka fayyadamu adda baasuuf dheertoo faayilii fayyadama.

Yaadoota

Yaada tokko galchi (dirqalee)Enter a comment (optional).

Please support us!