LibreOffice 25.2 Help
Fuula Taattoo-Masaka kana irratti madda qeenxee hangii deetaa filuu ni dandeessa. Hangiin kun hangii man`eewwan reektaangulaarawaa tokkoo ol irraa ijaaramuu ni danda`a.
Yoo hammanga deetaa iirratti too`anna caalu barbaade fuula Taattoo Masaka - Deetaa Walfaannee gargaarami.
Qaaqan kun taattoolee gabatee calc ykn Writer irratti hundaa`anniif qofa argama.
Hangii deetaa fili. Kanneen armaan gadii keessaa tokko hojjedhu.
Sanduuqa barruu keessa hangii deetaa saagi.
Calc keessatti, fakkeenyi hammanga deetaa "$Sheet1.$B$3:$B$14" ta`a. hubachiisa wardii keessatti hammangaan deetaa tarii naannoo tkkoo ol irraa ijaaramuu ni danda`a, fakkeenyaaf "$Sheet1.A1:A5;$Sheet1.D1:D5" hammangaan deetaa dabalataan gataa`aa dha. Writer keessatti, fakkeenyi hammangaa deetaa "Table1.A1:E4" ni ta`a.
Qaaqa Calc keessatti gadeessuuf, hammanga deetaa fili cuuqaasi, itti aansuudhaan hammangaa deetaa filuuf harkisi.
Yoo hammanga deetaa bal`insoota man`ee hedduu tokko tokkoo isaaniitti kan hin aanne barbaade, hangii jalqabaa saagi, achii dhuma sanduuqa barruu irratti hujeekan tuq lameedabali, itti aansuudhaan hammangalee biraa saagi. Akka daanggessaatti gidduu hammangaleetti tuq lamee gargaarami.
Deetaa walfaanneef terreewwan ykn tarjaalee keessaa filannoo tokko cuuqaasi.
Hammangaan deetaa akka moggaasa terree duraa ykn tarjaa duraa ykn lamanuu keessatti qabu mirkaneessi.
Durargii keessatti taattoon dhumaa maal akka fakkaatu ilaaluun ni danda`ama.