Deetaa alaa gabatee keessatti saaguu (GaafataSaaphaphuu)

Gingilcha alaaguu Gaafata fuula saaphaphuu (LibreOffice Calc) fayyadamuudhaan, gabateewwan galmee HTML irraa wardii Calc keessaa saaguu dandeessa.

Hammanga murtaa'e maqaadhaan Calc yookiin wardii Microsoft Excel irraa saaguuf mala sanumatti fayyadamuu dandeessa.

Malli saaguu armaan gadii ni jiru:

Qaaqaan saaguu

  1. Qaree maadhee bakka qabiyyeen haaraa saagamutti kaa'a.

  2. Choose Sheet - External Links. This opens the External Data dialog.

  3. URL galmee HTML yookiin maqaa wardii galchi.Yeroo dhumu Enter tuqi.Qaaqa filannoo faayilii banuuf qabduu ... cuqaasi.

  4. Sanduuqa tarree guddaa kan qaaqaa keessatti,hammangaawwan mogga'an yookiin gabateewwan saaguu barbaaddu filadhu.

  5. Hammangaawwan yookiin gabateewwan akka hoggayyuu sekondiiwwan n keessatti fooyya'an ifteessuus ni dandeessa.

Gingilchi alaaguu maqaalee hammangaawwan man'eetiif uumuu danda'a.Dhangeessi amma danda'amu ni qabatama,gingilchi garuu beekuma fakkii homaayyuu hin fe'u.

Naannessaadhaan saaguu

  1. Galmeelee lama bani:wardii LibreOffice Calc kan deetaan alaa keessatti saagamuuf jedhu(galmee galtee) fi galmee kan deetaan alaa irraa ba'u(galmee maddaa)

  2. Galmee galtee keessaa naannessa bani

  3. Sanduuqa makaa naannessaa gadii keessaa galmee maddaa filadhu.Naannessi amma maqaalee hammangaa fi hammangaawwan kuusaa deetaa yookiin gabateewwan galmee maddaa keessa jiran agarsiisa.

  4. In the Navigator select the Insert as link drag mode Icon.

  5. Deetaa alaa feete naannessa irraa gara galmee galteetti harkisi.

Yoo galmee HTML gingilcha Gaafata teessoo saaphaphuu wajjin akka galmee maddaatti feetee jiraatte,gabateewwan naannessa keessatti itti fufaan "HTML_gabatee1" irraa kaasanii kan mogga'an , akkasumas maqoota hammanga lamaa kan uumamanii turan agarta.

Deetaa alaa gulaaluu

Please support us!