LibreOffice 7.5 Help
Tokkoon tokkoo man'eetiif,galfatoota sirrii qindeessuu dandeessa.Galfatootni sirrii hin taane ni gatama.
Seerri sirrummaa yeroo gatiin haaraa galchamu kaka'a.Yoo gatiin sirrii hin taane dursee man'ee keessatti saagamee jiraate,yookiin yoo gatii man'ee keessatti harkisii-kaa'iin ykn garagalchaa fi maxxansuudhaan saagde,seerri sirrummaa bu'aa hin qabu.
Miyoota - Argamaa yeroo kamittuu filuu dandeessa akkasumas man'eelee kamtu gatiiwwan sirrii hin taane qabatan mul'isuuf ajaja Deetaa sirrii hin taane mallatteessi filadhu.
Maadhee kan seera sirrummaa haaraa qindeessuufii barbaaddu filadhu.
fili.
Fuula caancala Ulaagaa irratti, haallan gatiiwwan haaraa man'eelee keessatti galan galchi.
Dirree Eeyyami keessa,dirqaala filadhu.
Yoo "Lakkoofsa hundaa" filatte,gatiiwwan akka "12.5" hin eeyyamaman."Guyyaa" filachuun odeeffannoo guyyaa dhangii guyyaa baramaa akkasumas haala guyyaa tartiibaa tiin si dandeessisa.Haala walfakkaatuun,haalli "yeroo" gatiiwwan yeroo akka "12:00" ykn lakkoofsota yeroo tartiibaa eeyyama."Dheerina barruu" akka man'eeleen barruu qofa qabachuu danda'an murteessa.
Tarree galfatoota sirrii galchuuf "Tarree" fili.
Haala itti aanu Deetaa jalaa filadhu.Akkaataa waanata filattuutiin,dirqaalaaleen dabalataa filatamuu danda'u.
Erga haallan sirrummaa man'eetiif murteessitee booda,fuulota caancalaa biroo lamaan sanduuqota ergaa uumuuf fayyadamuu dandeesa.
Fuula caancala Gargaarsa naqaa irratti,mataduree fi barruu qajeelchaa ,isa yeroo maadheen filatamu mul'atu, galchi.
Fuula caancala Of eeggannoo dogoggoraa irratti,gochaa mudata dogoggoraa irratti raawwatu filadhu.
Yoo akka gochaatti "Dhaabi" filatte,galfatootni sirrii hin taane hin fudhatman, akkasumas qabiyyeewwan man'ee isaan duraanii ni jiraatu.
Qaaqa keessatti galfatni haqamu ykn fudhatamu mul'isuuf "Of eeggannoo" ykn "Odeeffannoo" filadhu.
Yoo "Micro" filatte,achiin qabduu Sakatta'i fayyadamuudhaan macro mudata dogoggoraa keessa kaachifamu ifteessuu dandeessa.
To display the error message, select Show error message when invalid values are entered.
Erga man'ee fuula caancala Of eeggannoo dogoggoraa irra jiruuf gochaa jijjiirtee fi qaaqa TOLE dhaan cuftee booda,osoo jijjiiramni hin raawwatin dura man'ee biraa filachuu qabda.