LibreOffice 24.8 Help
LibreOffice Calc keessatti, wardii akka tarreewwan gara sarjaawwan fi sarjaawwan gara tarreewwanii jijjiiraman karaan "naannessuu" ni jira.
Hammangaa maadhee kan naannessuu barbaadde filadhu.
Gulaali - Muri filadhu.
Maadhee gubbaa bitaa maadhee bu'aa keessaa ta'u cuqaasi.
Gulaali - Adda Maxxansi.
Qaaqa keessatti, Hunda Maxxansi fi Geeddari malkateessi.
Yoo amma TOLE cuqaaste sarjaawwanii fi tarreewwan ni naanna'u.