LibreOffice 25.2 Help
Mul'anni LibreOffice Calc tuuta gatiiwwan maadhee kan shallaggii kee keessatti fayyadani dha. Maqaa tokkoon tokkoo mul'ina wardii kee irraatiif ni ramadda. Mul'inoota baay'ee wardii tokko irratti, tokkoon tokkoo isaanii gatiiwwan adda addaatiin qindeessi. Achiin tuutota gatiiwwan maadhee maqaa isaaniitiin salphaatti daddabarsitee battalumatti bu'aalee isaa hubachuu dandeessa. Mul'inoonni maadhaa gaaffiilee "yoo-maali" ittiin mirkaneessinu dha.
Mul'ina uumuuf, man'eelee hunda kan deetaa mul'inaaf kennan filadhu.
Select the cells that contain the values that will change between scenarios. To select multiple cells, hold down the CommandCtrl key as you click each cell.
Meeshaalee - Mul'inoota fili. Qaaqni Mul'ina Uumi ni mul'ata.
Maqaa mul'inaa filiitii dirreewwan biroo gatiiwwan durtii isaa faana osoo hin jijjiiramin dhiisi. Qaaqa TOLE dhaan cufi. Mul'inni kee haaraan ufmaan kaka'a.
Mul'inni Naannessa keessaa filatamuu danda'u:
Naannessa sajoo Naannessa dhaan kabala durtii irraa bani.
Click the Scenarios icon in the Navigator.
Naannessa keessatti, mul'inoota qindaa'an yaadota kan yeroo mul'inootni uumamanii turan galchaman wajjin argita.
Mul'ina sana wardii ammeetiif raawwachuuf maqaa mul'inaa Naannessa keessaa lamcuqaasi.
Mul'ina balleessuuf, maqaa Naannessa keessaa mirgaan cuqaasiitii Haqi fili.
Mul'ina gulaaluuf, maqaa Naannessa keessaa mirgaan cuqaasiitii Amaloota fili.
Handaara tuuta maadheelee kan kutaa mul'inaa dhoksuuf, qaaqa Amaloota mul'ina hunda kan maadheelee irratti raawwatu baniitii sanduuqa filannoo handaara Agarsiisi qulqulleessi. Handaara dhoksuun sanduuqa tarree bakka mul'inoota filattus ni balleessa.
Yoo gatiiwwan kamitu mul'ina keessaa gatiiwwan biroo akka miidhu baruu barbaadde, Meeshaalee - Detective - Trace Dependents filadhu. Xiyyoota gara man'eelee kan man'ee ammee irratti kallattiin hirkatan argita.