LibreOffice 25.2 Help
Hammangaa maadheelee kam akka wardii keessatti maxxansitu qindeessuu dandeessa.
Maadheeleen wardii irraa kan qaama hammangaa maxxansaa qindaa'e hin taane hin maxxansaman ykn alergaman. Wardiileen hammanga maxxansaa qindaa'e hin qabne hin maxxansaman akkasumas gara faayilii PDF hin alergaman, yoo galmee dhangee faayilii Excel fayyadame malee.
Faayiloota dhangii Excel dhaan banamaniif, wardiileen hundi kan hammangaa maxxansuu qindaa'e hin qabne ni maxxansamu. Yeroo wardii Excel dhangeeffame gara faayilii PDF alergitus amaluma fakkaataatu mul'ata.
Maadheelee maxxansuu barbaaddu filadhu.
Dhangii - Hammangaawwan Maxxansaa - Qindeessi filadhu.
Maadheelee kan gara hammangaa maxxansaa jiranitti dabaluu barbaaddu filadhu.
Dhangii - Fuulaa fili.
Dhangii - Fuulaa fili.
Durargii Cita Fuulaa keessatti, hammangaawwan maxxansaa akkasumas kutaaleen cita fuulaa handaara cuquliisaan tooreffamanii lakkoofsa fuulaa halluu daalachaa gidduutti qabatu.
Kutaa cita fuulaa haaraa qindeessuuf, handaara gara argama haaraatti harkisi. Yeroo kutaa cita fuulaa haaraa qindeessitu, citni fuulaa ufmaa cita fuulaa harkaatiin bakka bu'a.
Argi - Durargii Cita Fuulaa fili.
Lakkoofsa guddisuu durtuu Durargii Cita Fuulaa jijjiiruuf, gatii persentii kabala Haala irra jiru lamcuqaasiitii, lakkoofsa guddisuu haaraa filadhu.
Hammangaa maxxansuu gulaali
Hanga hammangaa maxxansaa jijjiiruuf, hammangaa handaaraa gara bakka haaraatti harkisi.
Cita fuulaa harkaa kan hammangaa maxxansaa keessaa balleessuuf, handaara cita fuulaa ala hammangaa maxxansaatti harkisi.
Hammangaa maxxansaa qulqulleessuuf, handaara hammangaa gara gubbaa handaara hammangaa faallaatti harkisi.
Durargii Cita Fuulaa dhaamsuuf, Argi - Baratamaa filadhu.