LibreOffice 7.6 Help
Tarreewwan furtuuwwan qaxxaamuraa LibreOffice Calc fi LibreOffice dimshaashumatti ilaali.
Sanduuqa barruu akan qabduu qaaqa xiqqeessu qabu keessaati, haaalata filannoo maadhee galchuuf F2 tuqi. Lakkoofsa maadheelee feete filadhu, achiin qaaqa agrsiisuuf ammas F2 tuqi.
Haalata filannoo maadhee keessatti, maadheelee filachuuf furtuuwwan naannessaa baramoo fayyadamuu dandeessa.
Gabatee cuqoo Toorii keessaa fayyadamuu dandeessa:
Hanga foddaan toorii olee ykn dalgaa xiyyeeffannaa argatutti F6 ykn Shift+F6 tuqi.
Tab - qabduuwwan mul'atan keessa gubbaa gara jalaatti ykn bitaa gara mirgaatti marfata.
Shift+Tab - qabduuwwan mul'atan irra kallattii faallaan marfata.
Ajaja+1 to Ajaja+8Ctrl+1 hanga Ctrl+8 - sadarkaalee hunda hanga lakkoofsa murtaa'eetti agarsiisa; sadarkaalee olaanoo hunda ni dhoksa.
Garee toorii xiyyeeffataman agarsiisuuf ykn dhoksuuf + ykn - fayyadami.
Qabduu xiyyeeffatame kakaasuuf Enter tuqi.
Qabduuwwan hunda sadarkaa ammee keessa jiran marfachuuf xiyya Up, Down, Left, ykn Right fayyadami.
Kamshaa Fakkisaa banuuf Argi - Kamshaawwan - Fakkisaa filadhu.
F6 dhiibi hanga kamshaan Fakkasaa filatamutti.
Yoo meeshaan filannoo kaka'aa ta'e, AjajaCtrl+Enter dhiibi. Kun waanta fakkisaa jalqabaa ykn saxaataa wardii keessaa filata.
AjajaCtrl+F6 dhaan fayyadamtee xiyyeeffannaa galmeef kennuu dandeessa.
Waanta fakkisaa ykn saxaatoo ittaanu filachuuf Tab akkasumas kan duraa filachuuf Shift+Tab amma fayyadamuu dandeessa.