LibreOffice 25.2 Help
Intiijeroota zeeroon jalqaban galchuuf karaalee adda addaatu jiru:
Lakkoofsa akka barruutti galchi. Karaan salphaan lakkoofsa hudhaan jalqabu(fakkeenyaaf, '0987) galchuu dha. Hudhaan man'ee keessatti hin mul'atu, lakkoofsi akka barruutti dhangeeffama. Sababa dhangii barruutiin ta'eef, garuu, lakkoofsa kanaan shallaguu hin dandeessu.
Man'ee dhangii lakkoofsaa qabu kan akka \0000 dhangeessi. Dhangiin kun dirree Koodii dhangii keessatti caancala Dhangii - Man'eelee - Lakkoofsota jalatti ramadamuu danda'a, akkasumas argii man'ee akka " zeeroo hoggayyuu jalqaba kaayi, achiin intiijerii, bakkaa yoo xiqqaate sadii qabu, akkasumas kan bitaan zeeroodhaan yoo dijiitii sadii gad ta'e guutame" qindeessa.
Yoo dhangii lakkaawwii gara sarjaa lakkoofsota dhangii barruu qabaniitti raawwatte(fakkeenyaaf, barruun "000123" lakkoofsa "123" ta'a), kan armaan gadii hojjedhu:
Sarjaa kan dijiitiiwwan dhangii barruutiin keessatti argaman filadhu. Dhangii man'ee sarjaa sana keessaa akka "Lakkoofsa" kaayi.
Guulaalii - Baarbaadi akkasumaas Bakka Buusi Fili
In the Find box, enter ^[0-9]
In the Replace box, enter &
Check Regular expressions
Check Current selection only
Click Replace All