Babrbaacha Kaayyoo Raawwadhu

Gargaarsa Barbaacha Kaayyootiin gatii, akka qaama foormulaatti, gara bu'aa foormulaaf ifteessituutti si geessu shallaguu dandeessa. Achiin foormulaa gatiiwwan dhaabbataa baay'eetiinii fi gatii jijjiiramaa tokkoo fi bu'aa foormulaatiin qindeessita.

Fakkeenya Kaayyoo Barbaachaa

Dhala waggaa(I) shallaguuf, gabatee gatiiwwan kaappitaala©, lakkoofsa waggootaa(n), fi reetii dhalaa(i) qabatu uumi. Foormulaan:

I = C * n* i

Mee reetiin dhalaa i 7.5% fi lakkoofsi waggootaa n (1) dhaabbataa jennee haa fudhannu. Garuu, hanga kaappitaalli investimentii C deebii murtaa'aa I agachuuf fooyya'uu qabu ture beekuu si barbaachisa. Fakkeenya kanaaf, kaappitaala C hangamtu yoo deebisa waggaa $15,000 barbaadde akka si barbaachisu shallagi.

Gatiiwwan tokkoon tokkoo Kaapitaalaaf C (gatii tasaa kan akka $100,000), lakkoofsa waggootaaf n (1), fi makkii dhalannaaf i (7.5%) man'ee tokko keessatti galchi. Foormulaa dhalannaa I shallagu man'ee biroo keessatti galchi. Qooda C, n, fi i wabii man'ee gatii walsimu waliin fayyadami.

  1. Qaree man'ee dhala I qabatu keessa kaa'iitii, Meeshaalee - Barbaacha Kaayyoo. Qaaqni Barbaacha Kaayyoo ni mul'ata.

  2. Man'een sirrii durumaanuu dirree Man'ee Foormulaa keessatti galchameera.

  3. Qaree dirree Man'ee Jijjiiramaa keessa kaa'i. Wardii keessatti, man'ee gatii jijjiiramu qabate cuqaasi, fakkeenya kana keessatti man'ee gatii kaappitaalaa C dha.

  4. Bu'aa eegamaa foormulaa sanduuqa barruu Gatii Galtee keessatti galchi. Fakkkeenya kana keessatti, gatiin 15,000 dha. TOLE cuqaasi.

  5. Qaaqni akka Barbaachi Kaayyoo galma gahe mul'isu ni mul'ata. Bu'aa maadhee kan gatii jijjiiramaa qabate keessatti galchuuf Eeyyee cuqaasi.

Please support us!