Dhangiiwwan Lakkoofsaa Fayyadamaan qindaa'an

Lakkoofsota LibreOffice Calc keessatti mul'isuuf dhangiiwwan lakkoofsaa mataa keetii qindeessuu dandeessa.

akka fakkeenyaatti, lakkoofsa 10,200,000 akka miliyoona 10.2 tti mul'isuuf:

  1. Maadheelee kan dhangii haaraa, fayyadamaan qindaa'e irratti raawwachuu barbaaddu filadhu.

  2. Dhangii - Man'eelee - Lakkoofsota fili.

  3. Sanduuqa tarree Akaakuuwwan keessatti "Fayyadamaan qindaa'e" filadhu.

  4. Sanduuqa barruu Koodii dhangii keessatti koodii armaan gadii galchi:

    0.0,, "Miliyoona"

  5. TOLE cuqaasi.

Gabateen armaan gadii bu'aalee sissiqsuu, daangessoota kumaa(,), daangessoota deesiimaalii(.), fi iddooqota # fi 0 agarsiisa.

Lakkoofsa

.#,, "Miliyoona"

0.0,, "Miliyoona"

#,, "Miliyoona"

10200000

Miliyoona 10.2

Miliyoona 10.2

Miliyoona 10

500000

Miliyoona .5

Miliyoona 0.5

Miliyoona 1

100000000

Miliyoona 100.

Miliyoona 100.0

Miliyoona 100


Please support us!