Calc keessatti Argachuu fi Bakka buusuu

Galmeelee wardii keessatti jechoota, foormulaawwaii fi haalata argachuu dandeessa. Bu'aa tokkoo gara isa biraatti taruu dandeessa, ykn maadheelee gitan altokkotti shooluu dandeessa, achiin dhangii biraa raawwadhu ykn qabiyyee maadhee qabiyyee biraan bakka buusi.

Qaaqa Argacuu & Bakka buusuu

Maadheeleen barruu ykn lakkoofsota kan akka galmee barruu keessaatti kallattiin galan qabachuu danda'u. Garuu maadheeleen barruu ykn lakkoofsota akka bu'aa shallaggiittis qabachuu danda'u. Fakkeenyaaf, maadheen yoo foormulaa =1+2 qabaate, bu'aa 3 agarsiisa. Akka 1 gita 2 n, ykn 3 barbaaddu murteessuu qabda.

Foormulaawwan ykn gatiiwwan argachuu

Qaaqa Argachuu fi Bakka buusi keessatti kutaalee foormulaa barbaaduu ykn bu'aalee shallaggii barbaaduu keessaa tokko ifteessuu qabda.

  1. Qaaqa Argachuu & Bakka buusuu banuuf Gulaali - Argachuu & Bakka buusuu filadhu.

  2. Qaaqa babal'isuuf Dirqaalaalee Dabalataa cuqaasi.

  3. Sanduuqa tarree Keessa barbaadi keessatti "Foormulaawwan" ykn "Gatiiwwan" filadhu.

"Foormulaawwan" fayyadamuun qaamolee foormulaawwanii hunda argatta.

"Gatiiwwan" fayyadamuun bu'aalee shallaggiiwwanii argatta.

Sajoo Yaaddannoo

Cell contents can be formatted in different ways. For example, a number can be formatted as a currency, to be displayed with a currency symbol. These symbols are included in searches when the Formatted Display search option is activated.


Barruu argachuu

  1. Qaaqa Argachuu & Bakka buusuu banuuf Gulaali - Argachuu & Bakka buusuu filadhu.

  2. Enter the text to find in the Find text box.

  3. Barbaadi ykn Hunda Barbaadi keessa tokko filadhu.

Yemmuu Barbaadi cuqaastu, Calc man'ee ittaanu kan barruu kee qabatu filata. Barruu ilaaluu fi gulaaluu dandeessa, gara man'ee ittaanee argamuutti deemuuf achiin Barbaadi ammas cuqaasi.

  1. Yoo qaaqa cuftee jiraatte, man'ee ittaanu osoo qaaqa hin banin argachuuf makaa furtuu(+Shift+F) tuquu dandeessa.

  2. By default, Calc searches the current sheet. Check the All sheets box to search through all sheets of the document.

Yeroo Hunda Barbaadi cuqaastu, Calc man'eelee hunda kan galfata kee qabatu filata. Amma fakkeenyaaf man'eelee argaman hunda yabbuu gochuu dandeessa, ykn haalata man'ee hundaaf altokko raawwachuu dandeessa.

Naannessaa

  1. Foddaa Naannessaa banuuf Gulaali - Naannessaa filadhu.

Naannessaan waantota argachuu fi filachuuf meeshaa guddaa dha.

Waantotaa fi geessitoota galmee tokko keessatti ykn galmeelee banaa biraa irraa saaguuf Naannessaa fayyadami.

Please support us!