LibreOffice 24.8 Help
Deetaa dhangii faayilii dBASE tiin (fufaa faayilii*.dbf ) LibreOffice Base ykn wardii keessatti banuu fi olkaa'uu dandeessa. LibreOffice Base keessatti, kuusaan deetaa dBASE ukaankaa kan faayiloota fufaa faayilii .dbf qaban qabatu dha. Tokkoon tokkoo faayilii gabatee kuusaa deetaa keessaa gita. Foormulaawwanii fi Dhangeessuun yeroo faayilii dBASE LibreOffice irraa bantee olkeessu ni badu.
Faayilii - Bani filadhu.
Faayilii *.dbf kan alaaguu barbaaddu agarsiisi.
Bani cuqaasi.
Qaaqni Faayiloota dBASE alaagi ni banama.
TOLE cuqaasi.
Faayiliin dBASE akka wardii Calc haaraatti banama.
Yoo wardii akka faayilii dBASE tti olkaa'uu barbaadde, faayilii alaage keessaa tarree jalqabaa hin jijjiirin ykn hin balleessin. Tarreen kun odeeffannoo kuusaa deetaatiin barbaadamu qabata.
Gabateen kuusaa deetaa LibreOffice Base geessituu gara kuusaa deetaa dura jiruu ti.
.
Sanduuqa Maqaa faayilii qaaqa Akkasitti olkaa'i keessatti, kuusaa deetaaf maqaa galchi.
Olkaa'iCuqaasi
SanduuqaGosa kuusaa deetaa qaaqa Amaloota Kuusaa deetaa keessatti, "dBASE" filadhu.
IttaaneeCuqaasi
Sakatta'i cuqaasi.
Galeeloo faayilii dBASE qabatu agarsiitii, TOLE cuqaasi.
UumiCuqaasi.
Faayilii - Bani filadhu.
Sanduuqa Dhangii faayilii keessatti," faayilii dBASE" filadhu.
Sanduuqa Maqaa faayilii keessatti," maqaa faayilii dBASE" barreessi.
Olkaa'iCuqaasi
Deetaa wardii ammee irraa qofatu alergama.