Foormulaadhaan Faayiloota Barruu Alaaguu fi Alerguu

Faayilootni gatiiwwan qoodduun addan bahan(CSV)faayiloota barruu kan qabiyyeewwan man'ee wardii baaqqee qabatu dha. Qoodduuwwan, buufatoonni xiqqaa, ykn arfiileen biroo akka daangessaa dirree jidduu man'eeleetti fayyaduu danda'u. Diraawwan barruu mallattoo waraabbii keessa taa'u, lakkoofsonni mallattoo waraabbii malee barreeffamu.

Faayilii CSV Alaaguuf

  1. Faayilii - Bani filadhu.

  2. Dirree Gosa Faayilii keessatti, dhangii "CSV Barruu" filadhu. Faayilii filadhuutii Bani cuqaasi. Yemmuu faayiliin fufaa .csv qabu, gosti faayilii ufmaan beekama.

  3. Qaaqa Alaaga Barruu agarta. Tole cuqaasi.

Sajoo Qaxxee

If the csv file contains formulas, but you want to import the results of those formulas, then choose - LibreOffice Calc - View and clear the Formulas check box.


Foormulaawwanii fi Gatiiwwan akka Faayiloota CSV tti Alerguuf

  1. Wardii akka faayilii csv tti barreeffamuuf jedhu cuqaasi.

  2. Yoo foormulaawwan akka foormulaawwaniitti alerguu barbaadde,gita =IDA'A(A1:B5) tiin, akka armaan gadiitti itti fufi:

    Galmee +F6 wajjin filiitii Tab dhiibi

    Agarsiisi jalatti, sanduuqa filannoo Foormulaawwan mallattoo itti godhi.TOLE cuqaasi.

    Yoo foormulaawwan osoo hin ta'in bu'aalee shallaggii alerguu barbaadde, Foormulaawwan mallattoo itti hin godhin.

  3. Faayilii - Akkasitti olkaa'ifili.Qaaqa Akkasitti olkaa'i argita.

  4. Dirree Akaakuu Faayilii keessatti dhangii "CSV Barruu" filadhu.

  5. Maqaa galchiitii Olkaa'i cuqaasi.

  6. Qaaqa Alerga faayiloota barruu kan mul'atu irraa, gurmuu arfii fi daangessoota dirree fi barruu deetaa alergamuuf filadhu, TOLE dhaan mirkaneessi.

  7. Yoo barbaachise, erga olkeessee booda, bu'aalee shallagaman gabatee keessatti ammas arguuf sanduuqa filannoo Foormulaawwan qulqulleessi.

Please support us!