LibreOffice 25.2 Help
Yeroo cimsuu, qabiyyeewwan maadheelee wardiilee baay'ee irraa bakka tokkotti walitti makama.
Galmee kan hammangaawwan maadhee cimsamuuf jiruu qabatu bani.
Cimsi bani.
filachuudhaan qaaqaSanduuqa Bal'ina deetaa maddaa irraa bal'inoota birootiin cimsuuf hammanga maadhee maddaa filadhu.
Yoo hammangaan moggaafamuu baate, dirree cina Bal'ina deetaa maddaa cuqaasi. Qareen barruu libsuu ni mul'ata. Hammangaa deetaa maddaa jalqabaaf wabii barreessi ykn hammanagaa hantuuteen filadhu.
Hammangaa filatame dirree Bal'inoota cimsaa keessatti saaguuf Dabali cuqaasi.
Hammangaawwan dabalataa filadhuutii tokkoon tokkoo filannoo booda Dabali cuqaasi.
Bakkee bu'aa itti agarsiisuu barbaaddu hammangaa galtee sanduuqa Bu'aalee asitti garagalchi filachuudhaan ifteessi.
Yoo hammangi galtee moggaafamuu baate, dirree cina Bu'aalee asitti garagalchi keessa cuqaasiitii wabii hammangaa galtee galchi. Karaa biraa, hammangaa hantuuteen fayyadamuudhaan filachuu dandeessa ykn qaree gubbaa bitaa maadhee hammangaa galtee keessa qubachiisi.
Dalagaa sanduuqa Dalagaa irraa filadhu. Dalagaan akkaataa gatiiwwan hammangaawwan cimsaa geessifaman ifteessa. Dalagaan "IDA'A" qindaa'ina durtii ti.
Hammangaawwan cimsuuf TOLE cuqaasi.
Qindaa'inoota dabalataa mul'isuuf Dabalata qaaqa Cimsi keessaa cuqaasi.
Bu'aalee dhugaa osoo hin taane, foormulaawwan kan bu'aalee hammangaa galtee keessatti uuman saaguuf Geessisa gara deetaa maddaa filadhu. Yoo deetaa geessiste, gatiiwwan hammangaa maddaa keessatti fooyya'an kamiyyuu hammangaa galtee keessatti ufmaan fooyya'u.
Wabiileen maadhee isaanii hammangaa galtee keessatti tarreewwan walitti aananiin saagamu, kun ufmaan tarreeffamee achiin argii irraa dhokata. Bu'aa dhumaa qofatu, dalgaa filatatame irratti hundaa'uudhaan, mul'ata.
Cimsuu jalatti, yoo man'eeleen hamangaa deetaa maddaa gita qubannoo fakkaataa man'ee hammangaa keessaatiin cimsamuuf ta'uu baatan, garuu akkaataa wal gita asxaa tarreetiin ykn sarjaatiin yoo ta'e Asxaawwan tarree ykn Asxaawwan sarjaa filadhu.
Asxaawwan tarreetiin ykn sarjaatiin cimsuu yoo barbaadde, asxaan hammangaawwan maddaa filataman keessatti qabatamuu qaba.
Akka tarreewwan ykn sarjaaleen sirriitti gituu danda'aniif, barruun asxaawwan keessaa wal fakkaachuu qabu. Yoo asxaan tarree ykn sarjaa kan hammangaa galtee keessa jiru kamiinuu waliin hin gitu ta'e, akka tarree ykn sarjaa haaraatti itti fufama.
Deetaan hammangaawwan cimsaa fi hammangaa galtee irraa dhufan galmee yemmuu olkeessu olkaa'amu. Yoo booda galmee cimsi keesssatti qindaa'ee ture bante, deetaan kun ammas ni jira.