Maadheelee harkisaa-fi-kaayuun wabeeffachuu

Naannessaan gargaaramuudhaan man'eelee wardii tokko irraa isa biratti galmee tokko ykn addaa keessaa wabeeffachuu dandeessa.Man'eeleen akka garagalchaa,geessituutti saaguu dandeessa.Hammangaan saagamu maqaa isa faayilii jalqabaa keessaatiin akka faayilii galtee keessatti saagamuu danda'uuf qindaa'uu qaba.

  1. Galmee maadheelee maddaa qabate bani.

  2. To set the source range as the range, select the cells and choose Sheet - Named Ranges and Expressions - Define. Save the source document, and do not close it.

  3. Wardii kan keessatti waa galchuu barbaaddu bani.

  4. Naannessa bani. Sanduuqa naannessaa isa jalaa keessaa faayilii maddaa fili.

  5. Naannessaa keessatti,waanti faayilii maddaa jala "Maqaalee hammangaa" tti mul'ata.

  6. Sajoo Haalata harkisaa naannessa keessaatti fayyadamuudhaan,akka wabiin geessituu, yookiin garagalcha akka ta'u barbaaddu fili.

  7. Maqaa jala "Maqaalee hammangaa" naannessaa keessaa cuqaasiitii, maadhee wardii ammee bakka wabii itti saaguu barbaadduutti harkisi.

Malli kun hammangaa wardii biraa galmee sanaa irraa gara wardii ammeetti akka saagdu si fayyaduus danda'a.

Please support us!