Handaarawwan maadhee keessatti fayyadamaan qindaa'an

Gosa sararoota addaa addaa man'eelee filatamanitti raawwachuu ni dandeessa.

  1. Maadhee yookiin garee maadhee filadhu.

  2. Dhangii - man'eelee fili.

  3. Qaaqa keessatti, caancala Handaarawwan cuqaasi.

  4. Dirqaalaalee handaaraa raawwachuuf barbaaddu filiitii TOLE cuqaasi.

Dirqaalaaleen bal'ina sirreessa sararaa keessaa haalata handaaraa baay'ee raawwachuu danda'u.

Filannoo man'eelee

Filannoo man'eelee irratti hundaa'uudhaan, bal'inni adda adda ta'a.

Filannoo

Bal'ina sirreessa sararaa

Man'ee tokko

handaarawwan kan man'een tokko filatame

Maadheelee sarjaa keessaa

handaarawwan kan sarjaan filatame

Maadheelee tarree keessaa

handaarawwan kan tarreen filatame

Madheelee garee 2x2 yookiin ol

handaarawwan kan gareen filatame


Qindaa'inoota Durtii

Handaarawwan baay'ee qindeessuuf yookiin lamuu qindeessuuf sajoowwan Durtii keessaa tokko cuqaasi.

Fakkeenyota

Garee man'ee hanga 8x8 filadhu, achiin Dhangii - Man'eelee - Handaarawwan fili.

tarree sajoo durtii kan fuula caancala handaarawwanii

Amma sararoota kam akka sajoowwan biroo qindeessan yookiin balleessan itti fuftee arguu dandeessa.

Qindaa'inoota Fayyadamaan Ibsaman

Bal'ina Fayyadamaan qindaa'e keessatti,sararootaa dhuunfaa qindeessuuf yookiin balleessuuf cuqaasuu dandeessa.

Haala adda addaa sadii keessa walitti ceesisuuf deddeebisiitii qarree yookiin xiyyoo cuqaasi.

Gosoota sararaa

Fakkii

Hiikoo

Sarara gurraacha

sarara jajjaboo handaarawwan fayyadamaan qindaa'aniif

Sararri gurraachi gita sarara man'eelee filatamanii qindeessa.Sararri akka sarara tuqaatti yeroo haalata sararaa 0.05 pt filattu mul'ata.Sararootni dachaan kan mul'atan yeroo haalata dachaa filattu dha.

Sarara daalacha

sarara daalacha handaarawwan fayyadamaan qindaa'aniif

Sararri daalachi kan mul'atu yeroo gitni sarara man'eelee filatamanii hin jijjiiramne dha.Iddoo kanatti sararri homtuu hin qindaa'u yookiin balleeffamu.

Sarara adii

sarara adii handaara fayyadamaan qindaa'eef

Sararri adiin kan mul'atu yeroo gitni sarara maadheelee filatamaii balleeffamani dha.


Fakkeenyota

Man'ee qeenxee fili,achiin Dhangii - Man'eelee - Handaarawwan filadhu.

Sarara baay'ee haphii akka handaara gadiitti qindeessuuf qarree jalaa cuqaasi.Sararootni biroo hundi man'ee irraa balleeffamu.

handaara haphii jalaa qindeessuu

Haalata sararaa furdaa filiitii qarree jalaa cuqaasi.Kun sarara furdaa akka handaara furdaatti qindeessa.

sarara yabbuu akka handaaraatti qindeessuu

Handaarawwan afran hunda qindeessuuf sajoo Durtii lammaffaa bitaa irraa cuqaasi.Achiin qarree jalaa hanga sararri adii mul'atutti deddeebisiitii cuqaasi.Kun handaara jalaa balleessa.

handaara jalaa balleessuu

Gosootaa fi haalata sararaa baay'ee walitti makuu dandeessa.Fakkiin dhumaa akkaataa handaarawwan alaa itti yabbiftu agarsiisu(sararoota gugurraacha yabbuu),sararootni shaffaxaa man'ee keessaa kamiyyuu immoo hin tuqamani(sararoota daalachoo)

Fakkeenyota olaanoo handaarawwan man'eetiif

Please support us!