REPLACE

Qaama diraa barruu diraa barruu biraatiin bakka buusa. Faankishiniin kun arfiiwwanii fi lakkoofsota (ofumaan gara barruutti jijjiiraman) bakka buusuuf gargaara. Firiin faankishinii yeroo hunda akka barruutti mul'ata. Yoo Lakkoofsa barruudhaan bakka bu'e irratti shallaggiiwwan dabalataa adeemsisuu barbaadde, faankishinii VALUE fayyadamuudhaan deebistee gara lakkoofsaatti jijjiiruu si barbaachisa.

Yoo barruun lakkoofsota qabatu kamiyyu akka lakkoofsaatti akka inni hiikamu hin barbaaddu ta'ee fi ofumaan gara barruutti jijjiirame mallattoo waraabbii keessatti hammatamuu qaba.

Caasima

REPLACE("Barruu"; Qubannoo; Dheerina; "BarruuHaaraa")

Barruun barruu kutaan isaa bakka bu'u agarsiisa.

Qubannoon bakka barruu keessa jiru iddootti bakka bu'iinsi jalqabu agarrsiisa.

Dheerinni lakkoofsa barruuwwanii Barruu bakka bu'uu qabudha.

BarruuHaaraan barruu Barruu bakka bu'u agarsiisa.

Fakkeenya

=REPLACE("1234567";1;1;"444") "444234567" deebisa. Arfiin tokko qubannoo 1 irra jiru BarruuHaaraa guutuudhaan bakka bu'a.

Please support us!