LibreOffice 25.2 Help
Teessuma gabatee qixaan uumamee ifteessi.
Qinxaan dirreewwan deetaa akka qabdoowwan harkisuu fi kawuu gabatee qinxaa qindeessuuf dandeesisan agarsiisa.
To define the layout of a pivot table, drag and drop data field buttons onto the Filters, Row Fields, Column Fields and Data Fields areas. You can also use drag and drop to rearrange the data fields on a pivot table.
LibreOffice'n ofumaan qabdoowwan kan naannoo Dirreewwan Deetaatti harkisamanitti goodayyaa dabala.Goodayyaan maqoota dirreewwan deetaa akkasumas formulaa deetaa uume qaba.
fankishiniiwwan Dirreewwan deetaa fayyadamee jijjiiruuf, qabduu nannoo Dirree Deetaa irratti lamcuqaasuudhaan qaaqa Dirree Deetaa bani. Akkasumaas qabdoowwan nannnoo Dirreewwan Tarree ykn Dirreewwan Tarjaa keessa jiraan lacuqaasuu dandeessa.
Dirqalaalee dabalata Gabatee qinxa qindessuuf fayyadu agarsiisa ykn dhoksa.
Qindaa'inoota bu'aa gabatee qinxaa agarsiisu ifteessi.
Gabatee gabateeqinxaa ammeetiif naannoo deetaa qabate fili.
Iddoo bu'aawwaan gabate qinxaa itti agarsiisuu barbaaddu fili.
Yoo iddoon filamee deetaa qabaate,qinxaan deetaa irratti barreessa.Kasaaraa deetaa jiraataa ittisuuf, Qinxaan ofuumaan bakkaa bu'aawwan itti agarsiisu filatu heyyami.
Madda deetaa keessa dirreewwan duwwaa haqa.
Akka moggaasa tarreetiin ifteessametti tarreewwan moggaasa malee jiran gara akaakuu ol'aantootti ofuumaan ramada.
Dabaltoo dunneetii shallaggii tarjaa shallaguun agarsiisa.
Dabaltoo dunneetii shallaggii tarree shallaguun agarsiisa.
Gabateewwan qinxaa Wardii deetaa irratti hunda'aniif qabdu gingilchaa dabala.
Qaaqa gingilchaa bana.
Filqiiwwaan wanta keessa jiraan agarsiisuuf ykn dhoksuuf sanduuqa filannoo kana filuudhaan moggaasa wantaa gabatee keessaa lama cuqaasi.Qaabiyyeewwaan man'ee gulaaluuf sanduuqa filannoo haquun man'ee gabatee keessaa lama cuqaasi.
Kan armaan gadii keessaa tokko dalagi:
Hangii man'eewwanii filuudhaan Deetaa - Gurmii fi Toorii - Fiqiiwwan Agarsiisi.
Dirree gabatee keessaa lama cuqaasi.
Yoo dirree dirreewwan wal cinaa moggaasa wal fakkaata qabuu lama cuqaaste, qaaqa Filqii Agarsiisi bana:
Filqiiwwan dirree ilaaluu barbaadduu fili.