Waliigala

Too`annaa yookiin qaaqa filamaniif amaloota ibsi.Amaloonni argaman akaakuu too`annaa filameerratti hundaa`a.Kanaaf, kanneen armaan gadii akaakuu too`annaa maraaf hin argamani.

Akaakuu filannoo

Filannoo haalata kan too`annaa damee kanaaf dandeessifameerum ifteessi.

Akaakuu qabduu

Akaakuu qabduu fili. Akaakuuleen qabduu gosa hojii akkamiitu akka jalqabe ni murteessu.

Arfiilee iggitaa

Arfiilee barreefaman osoo hin ta`iin arfii agarsiifamuu danda`an saagi. Kun too`annaa barruu saaguuf gargaara.

Bal`ina

Dheerina too`annaa yookiin qaaqa ammee ifteessi.

Barruu gargaarsaa

Barruu gargaarsaa kan akka qajeelcha (bubble help) yeroo hantuuteen too`annaa irra taa`u argisiifamu saagi.

Dandeessisi

Too`annaa dandeessisuuf "Eeyyee" cuuqaasi. Too`annaan yoo of danda`uu baate, qaaqa keessa ni fajajaa`a.

Dhaabatacaancalaa

Furtuu Dhaabata yeroo gargaaramtu xiyyeefanaa amala too`annaa ammee fili.

Durtii

Only input controls receive the focus when using the Tab key. Controls without input like caption controls are omitted.

Miti

Yeroo furtuu dhaabata gargaaramtu skiipsi too`annaa xiyyeefachiisi.

Eeyyeee

Too`annaan furtuu dhaabata wajjin filama.


Dhangii guyyaa

Dhangii guyyaa too`annaa guyyaaf barbaadame ifteessi. Dhangii qindaa'inoota irratti hundaa`uudhaan too`annaan guyyaa naqaa gargaaramtootaa ni hiika.

Dhangii jabaa

Too`annaan lakkoofsa, sharafa, guyyaa, yookiin sa`atiiti arfiilee gataa`aa qofti akka saagaman heeyyamuuf "Eeyyee" cuuqaasi.

Dhangii sirrii

Lakkoofsaaf yookiin too`annaa sharafaaf iddoo lakkofsa dhangii ifteessi.

Dhangii yeroo

Too`annoo lakkofsaaf akka gargaaru dhangii fili.

Dubbisuu-qofa

Select "Yes" to prevent the user from editing the value of the current control. The control is enabled and can be focused but not modified.

Filannoo

Tartiiba wantoota filatamanii, yommuu "0"n wanta duraa faana walqixa ta`e ifteessi. Wanta tokkoo ol filachuuf, Filannoo hedduu dirqama dandeessifamuu qaba.

Qaaqa Filannoo banuuf qabduu ... cuuqaasi.

Wanta yookiin wantoota filuu barbaade cuuuqaasi. Wanta tokkoo ol filuu yoo barbaade, kana gochuuf dirqalaa Filannoo hedduu filamuu isaanii mirkaneessi.

Filannoo hedduu

Filannoo hedduu tarree too`annaa keessatti heeyyamuuf "Eeyyee" fili..

Fuula (ejjatoo)

Lakkoofsa fuula qaaqa gara too`annaa ammee kamitti akka ramadame yookiin lakkoofsa fuula qaaqa gulaalu barbaade ifteessi. Yoo qaaqan fuula tokko qofa qabaate gatii Fuula (Ejjatoo) isaa gara 0tti jijjiiri.

Too`annaan fuula qaaqa hundaa irratti akka mul`atu gochuuf Fuula (Ejjatoo) = 0 fili.

Fuulota qaaqa gidduu sa`atii darberratti cufuuf, Maakroo gatii Fuula (Ejjatoo) jijjiiru uumuu qabda.

Gad kaayi

Filannoo gad kaayi tarree yookiin too`annaa sanduuqa makaa dandaassisuuf "Eeyyee" fili. Filannoo dirree gad kaayi qabduu xiyyaa ofkeessaa qaba kunis galiinsa tarree jiran banuuf kan cuuqaasamu dha.

Gargaarsa URL

Gargaarsa URL yeroo F1 dhiibdu waamamu garuu too`annaa xiqqoo irratti kan xiyyeefatu ifteessi. Fakkeenyaaf, Help-ID lakkoofsa 1234 wajjin waamuuf dhangii HID:1234 gargaarami.

Help-ID akka gargaarsa qajeelcha baay'ateetti ilaaluuf jijjiiramaa nannoo HELP_DEBUG gara 1 ti gurmeesi.

Gargareessaa lakkoofsaa

Gargareessaa lakkoofsaa arfiilee too`annoo lakkoofsaa fi sharafaa keessatti agarsiisuuf "Eeyyee" fili.

Gatii

Too`annaa ammeef gatii ifteessi.

Gatii Incr./decrement

Qabduu too`annoolee qaanxiif gidduu galeessaa dabalataa fi hir`inaa ifteessi.

Gatii gadii

Too`annaa ammeef gatii gadaanoo ifteessi

Gatii guddinaa

Too`annaa kabala guddinaaf gatii guddinaa ifteessi.

Gatii guddinaa gadaantoo

Too`annaa kabala guddinaaf gatii gadaantoo ifteessi.

Gatii guddinaa max.

Too`annaa kabala guddinaaf gatii olaantoo ifteessi.

Gatii marfata fiixa`aa

Too`annaa kabala maraaf gatii olaantoo ifteessi.

Gatii marfata gadaantoo

Too`annaa kabala maraaf gatii gadaantoo ifteessi.

Gatii marfataa

Gatii too`annaa kabala maraa jalqaba ifteessi. Kun bakka sochooftuu kabala maraa ni murteesa.

Gatii olaantoo

Too`annaa ammeef gatii olaantoo ifteessi

Gulaalammaa

Too`annaan dameelakkadoota yoo gulaalama ta`e ifteessi.

Gatiin durtii FALSE dha.

Gulaalii haalata dhaabbate deebisuu

Yeroo gulaaliin damee noodii filanu addaan citu,jijiirama damee deetaa keessattii yookiin jijjirama biraa kessatti maaltu uumama ifteessi.

Qindaa'inni amalaa gara TRUE yommuu gulaaliin addan citu ofummaanolkaa`uuf sababa ta`a.

Gatiin durtii FALSE dha.

Gurmuu arfii

Qabeentoota too`annaa ammee agarsiisuuf bocquu fili.

Guyyaa

guyyaa durtii too`annaa guyyaa keessatti argisiifaman ifteessi.

Guyyaa irrantaa

Too`annaa guyyaaf daangaa gubbaa ifteessi.

Guyyaa jalantaa

Too`annaa guyyaaf daangaa jalaa ifteessi.

Haala

Filannoo haala too`annaa ammee fili.

Haalsadee

Saanduqni filannoo haalota lama (filatame fi hin filatamne) osoo hin taane haalota sadii (filatame, hin filatamne, and Fajajaa`e) heeyyamuuf "Eeyyee" fili.

Haguugee gulaali

Haguugee gulaali too`annaa sarxaaf ifteessi. Kunis lakkaddaa arfii kan dhangii naqaa too`annaaf hiika.

Arfii haguugee tokko tokkoo naqaa arfiif kan gulaali haguugee gatiiiwwan gabatee armaan gadii tarreefamanii keessatti murteesuuf ifteessuun ni barbaachisa:

Arfii

Hiikkoo

L

Barruu dhaabbataa.Arfiin kun itti fayyadamaatiin jijjiiramuu hin danda`u.

a

Arfiileen a-z iddoo kanatti ni saagamu.Osoo qubee gurguddaan saagame,ofummaan gara qubee xixiqqaatti ni jijjiiramu.

A

Arfiileen A-Z iddoo kanatti ni saagamu.Osoo qubee xixiqqaan saagame,ofummaan gara qubee gurguddaatti ni jijjiiramu.

c

Arfiileen a-z fi 0-9 iddoo kanatti ni saagamu.Osoo qubee gurguddaan saagame,ofummaan gara qubee xixiqqaatti ni jijjiiramu.

C

Arfiileen a-z fi 0-9 iddoo kanatti ni saagamu.Osoo qubee xixiqqaan saagame,ofummaan gara qubee gurguddaatti ni jijjiiramu.

N

Arfiileen 0-9 qofaan ni saagamu.

x

Arfiileen maxxansamuu danda`an ni saagamu.

X

Arfiileen maxxansamuu danda`an ni saagamu. Osoo qubee xixiqqaan saagame,ofummaan gara qubee gurguddaatti ni jijjiiramu.


Halluu Fuulduree

Too`annaa ammeef halluu fuulduree ifteessi.

Hamamtaa mul`atu

Dheerina islaayidii kabala maraa too`annaa ifteessi.

Handaara

Too`annaa ammeef akaakuu handaara ifteessi.

Hiriira

Too`annaa filameef dirqalaa hiriira ifteessi.

Hojjaa

Hojjaa too`annaa ammee yookiin qaaqa ifteessi.

Hojjaa tarree

Hojjaa tokko tokko tarree too`annaa damee,piikselii keessaa ifteessi.

Osoo gatiin ifteessamee zeeroo irra xinnaate yookiin walqixxaate, hojjaan tarree olaanaa hojjaa tarreewwan hundaa ti.

Gatiin durtii 0 dha.

Irradeebi`i

Yeroo qabduun hantuuteetoo`annaa irratti kan akka qabduu qaanxii dhiibamtu maddoota ceesistuu irradeebi`i.

Jargifa haguuggee

Too`annaa sarxaaf gatiiwwan ka`uumsaa argarsiifaman ifteessi. Kunis itti gargaaramaa tokko gatiiwwan too`annaa sarxaa keessatti heeyyamaman akka addaan baasuuf gargaara.Jargifan haguuggee gulaalii haguuggee dhangii ifteessameen ni murtaa`a.

Jijjiirama guddaa

Lakkoofsa safartuu marfata yeroo itti gargaaramtootni bal`ina haqaaqtuu fi xiyyaalee kabala maraa ifteessi.

Jijjiirama xiqqaa

Lakkoofsa safaratuumarfata yeroo itti gargaaramaan xiyya kabala maraa irratti cuuqaasu ifteessi.

Kabala maraa

Sanduuqa barruu ifteessitutti akaakuu kabala maraa dabali.

Kabala maraa

Sanduuqa barruu ifteessituti akaakuu kabala maraa dabala.

Kutaa sarara hujeekaa

Kutaa sarara hujeekaa too`annoolee sarara hedduu keessatti heeyyamuuf "Eeyyee" fili.

Lakkoofsa sarara

Lakkoofsa sararoota saaguun too`annaa tarree in agarsiisa. Qindaa`inni kun sanduuqota makaaf kakaa`aa kan ta`u, qindaa`ina gad kaayi yoodanddeessifame qofa dha.

Madaala

Hammamtaa too`annaa taasisuuf calaqqee madaali.

Mallattoo huddeelsoo

Mallattoo mahaallaqa huddeelsoo too`annaa mahaallaqa keesstti yeroo lakkoofsi saagamu agarsiisuuf "Eeyyee" fili.

Mallattoo mahaallaqa

Too`annaa mahaallaqa akka ooluuf mallattoo mahaallaqa saagi.

Maqaa

Too`annaa ammeef maqaa saagi. Maqaan kun too`annaa addaan baasuuf gargaara.

Matduree

Matduree qaaqa ifteessi. Qaaqa filuuf qaaqa handaara cuuqaasi.

Matdureewwan kan gargaaran qaaqa moggaasuu fi sarara tokko qofa ofkeessaa qabachuufi. Hubadhu yoo maakroo wajjin hojeta ta`e, too`annoon amala Maqaa isaanii keessaan waamamu.

Max. dheerina barruu

Irraansa lakkoofsa arfiilee itti fayyadamaan saagu ifteessi.

Maxxansi

Too`annaa ammee kan galmee maxxansii ofkeessatti qabachuuf "Eeyyee" fili.

Moggaasa

Moggaasa too`annaa ammee ifteessi.Moggaasni too`annaa wajjin argarsiisama.

Shift+Enter Gargaaramuudhaaan sarara hedduu moggaasota kutaa sarara hujeekotaa moggaasa keessa saaguun uumuun ni danda`ama.

Naqa sarara hedduu

Naqa sarara hedduu too`annaa keessatti heeyyamuuf "Eeyyee" fili. Kutaa sarara hujeekaa gara too`annaatti saaguuf Galchi dhiibi.

OfnaaGutaa

OfnaaGutaa too`annaa filame dandeessisuuf "Eeyyeen" fili.

Qaabchiisa

Qaabchiisa kabala maraaf ifteessi.

QabannooX

Fageenya too`annaa ammee gama bitaa qaaqa irraa ifteessi.

QabannooY

Fageenya too`annaa ammee gama gubbaa qaaqa irraa ifteessi.

Qabdoota agarsiisi

Qabdootni noodisi yoo agarsiifamu ta`e ifteessi.

Qabdootni sararoota tuttuqame ta`anii kan walqabaa too`annaa damee agarsiisani dha.

Gatiin durtii TRUE dha.

Qabduu Qaanxii

Dabaluu fi hir`achuu gatii naqa xiyya qabduuwwanii heeyyamuudhaan qabduuwwan qaanxii too`annaa lakkoofsati, sharafati, guyyaati, yookiin sa`atii dabaluuf "Eeyyee" cuuqaasi.

Qabduu durtii

Too`annaa qabduu filannoo durtii ammee gochuuf "Eeyyee" fili.Kakaasuu qaaqa qabduu durtii keessaa Deebii dhiibi.

Ruuttii argarsiifame

Ruuttii noodii too`annaa damee yoo agarsiifame ifteessi.

Yoo ruuttiii agarsiifame FALSEtti gurmaa`e, ruuttiin noodii akkayyaa kan noodii gataa`aa too`annaa dameef hin taane fi tooftaa XTreeControl wajjin kan hin gargaare dha.

Gatiin durtii TRUE dha.

Ruuttii qabdoota agarsiisi

Qabdootni noodisi dabalataan sadarkaa ruuttiitti yoo agarsiifamu ta`e ifteessi.

Gatiin durtii TRUE dha.

Saxaatoo

Too`annaa qabduu yookiin calaqqeef madda saxaatoo ifteesi. Faayilii filuuf "..." cuuqaasi.

Tartiiba

Specify the order in which the controls receive the focus when the Tab key is pressed in the dialog. On entering a dialog, the control with the lowest order (0) receives the focus. Pressing the Tab key the successively focuses the other controls as specified by their order number.

jalqabarraa, too`annoonni lakkoofsota tartiiba isaan qaaqatti dabalamaniin fudhata. Too`annootaaf tartiiba lakkoofsotaa jijjiiruun ni danda`ama. Bu`uuri LibreOffice tartiiba lakkoofsotaa ofummaan jalteenya lakkoofsota dhorkuuf ni jijjiira.Akasumas too`annoon hin xiyyeefatamne gatiitti ni ramadama garuu too`annaan yeroo furtuu Tab gargaaramu ni dhokata.

Turiinsa

Mudatoota kabala maraa ceesisi gidduu millii sekoondii kessatti turiinsa ifteessi. Mudatni ceesisi kan uumamu yeroo xiyya kabala maraa yookiin bal`insa duubbee kabala maraa cuuqaastu dha. Mudatootni ceesisi deddeebi`aan kan uumaman yoo qabduun hantuutee gadhiifame yoo xiyya kabala maraa yookiin bal`inni duubbee kabala maraa keessaa cuuqaasame dha.Yoo barbaade, safartuu sa`atii gataa`aa lakkoofsa wajjin saagi,fakkeenyaaf, 2 s yookiin 500 ms.

Yeroo fiixa`aa

Too`annaa yeroof gatii yeroo olaanoo ifteessi.

galiinsa tarree

Galiinsa tarree too`annaa tarreef ifteessi.Sarari tokko galiinsa terree tokko fudhata.Sarara haaraa saasguuf Shift+Enter dhiibi.

yeroo gadii

Too`annaa yeroof gatii yeroo gadaanoo ifteessi.

Please support us!