LibreOffice 25.2 Help
Hojjoomuu dhawaatii baaxxee gargaaramuudhaan dogoggoraa tokko tokkoo sarara sagantaa Bu`uura keessaa mirkaneessuu ni dandeessu. Tokko tokko bu`aa dhawwaatii ennaa dhumasana ilaaluun waandanda`amuuf dogoggori salphaadhaan ni Sakkatta'ama. Akeektuun sarqurxa keessatti kan tarjaa gulaalaa sarara ammee agarsiisa.Akasumas yoo sagantaan akka iddoo murtaa`a tokkotti dhaabbatu dhiibbaa gochuu barbaaddan Sarqurxa qinddeessuun ni danda`ama.
Sarara walqixaa irraatti sarqurxa raawwachuuf gama Gulaalaa foddaa bitaan tarjaasarqurxa lama cuqaasi. Sagantaan yeroo sarqurxa ga`u, hojjoomuun sagantaa ni dhaabbata.
Sajoo dhawaatii baaxxee gargaaramuun dhawaaatii baaxxeep hojjoomuun sagantaan gara adeemsaa fi fankishiniitti akka hiramu sababa ta.a.
Sajoo dhawaatii adeemsa gargaaramuun adeemsa dhawaatii hojjoomuun sagantaan adeemsaa fi fankishinii irratti akkadhawaatii baaxxee fe`amu sababa ta`a.
Amalootni sarqurxa baafata halqara keessaan mirga-cuuqaasuun sarqurxa tarjaa sarquxa keessatti argamu.
Baafata halqara keesaa kakaasuu filuun sarqurxa kakaasuu fi kakaasuu dhiisuu ni danda`ama. Yeroo sarqurxan kakaasuu dhiifame, hojjoomuu sagantaa hin dhaabu.
Iddoo filannoo sarqurxa biraa ifteessitu gulaalee sarqurxa waamuuf amaloota kan sarqurxa baafata halqara keessaa yookiin sarqurxa kan tarjaa sarqurxa baafata halqara keessaa fili.
Tarreen sarqurxa hunda madda lakkaddaa keessatti sarara lakkoofsa walqixaa wajjin agarsiisa.Sanduuqa Kakaasuu mirkaneessuudhaan yookiin qulqulleessuudhaan sarqurxa filame kakaasuu yookiin kakaasuu dhiisuun ni danda`ama.
Lakkoofsi Darbii lakkoofsa sarqurxan osoo sagantaan addaan hin citiin dura dadarbuu danda`u ifteessa.Yeroo 0 (qindaa'inoota durtii) galchitan sagantaan akkuma sarqurxan uumameen yeroo hundaa ni dhaabata.
Sarqurxa sagantaa keessaa haquuf Haqi cuuqaasi.
Gatiiwwan jijjiiramaa foddaa ilaalitti dabaluun torguun ni danda`ama. Tarree jijjiiramaawwan ilaalamanitti jijjiiramaa dabaluuf,maqaa jijjiiramaa sanduuqa barruu Ilaali keesaatti barreessi itti aansuudhaan Galchi dhiibi.
Gatiiwwan jijjiiramaawwanii hammata keessa yoo jiratan qofa agarsiisamu. Jijjiiramaawwan iddoo madda lakkaddaa ammeetti hin hiikamne gatii isaanii osoo hin taane ("Out of Scope") argisiisamu.
Akasumas waraantoolee foddaa ilaali keessatti dabaluun ni danda`ama. Osoo maqaa jijjiirama waraantoo gatii kasaa malee sanduuqa barruu ilaalchaatti galchitan, qabiyyeen waraantoo waamaraa ni argisiisamu.
Hantuutee jijjiiramaa duraan hiikame irraa sa`aa darbee irratti gulaalaa keessa osoo keessan, qabiyyeen jijjiiramaa sanduuqa poopii olii keessatti agarsiisama.
Waamicha walqabataa kan adeemsa fi fankishiniif ilaalcha gubbaa kenna. Adeemsa fi fankishinii kamtu waamame adeemsa fi fankishinii biraa kamtummoo madda lakkaddaa keessa tuqaa ammeerratti jechuudhaan murteessuun ni danda`ama.