LibreOffice 25.2 Help
Gulaalaan bu`uuraa yeroo galmee barruu keessaa hojjetan fankishinii gulaali durtii siniif kenna. Fankishinii baafata Gulaali (Cut, Delete, Paste), dandeetii barruu jijjiiruu furtuu wajjin filuu, akasumas fankishinii iddoo qaree (for example, moving from word to word with and the arrow keys) ni deggara.
Sararootni dheeraan bakkaa fi fakkaattoo jalamuraa akka sarara fakkaatoota dhumaa lamaatti iddoo adda addaatti saagamuudhaan addaba`u. Kunis sarara tokko sarara itti aanutii fi sarara loojikii faana walqunnamsiisa.(If "Option Compatible" is used in the same Basic module, the line continuation feature is also valid for comment lines.)
Osoo sajoo BASIC Kaasi kabala Maakroo irratti dhiibdan, sagantaan hojjetamu gulaalaa Basic sarara duraa irratti calqaba. Sagantaan Sub yookiin Function duraa ni hojjeta itti aansuudhaan sagantaan hojii ni dhaabata. Hojii sagantaa irratti "Sub Main"nuun adeemsa hin fudhatu.
Yeroo jalqaba IDE bantu lakkaddaa Basic sararoota Sub Main fi End Sub gidduu saagi.Filmaataaf,sararoota hunda haqi itti aansuudhaan lakkaddaa Basic mataakee saagi.
Manbarroo gulaalaa keessaatti gara kamshaa bitaan fe`uuf tarree Manbarroo keessaa manbarroo fili.
Barruu faayilii keessaa olkaa`uu fi cirna saganteessuu biraa keessatti alaaguunf lakkaddaa Bu`uuraa olkaa`uun ni danda`ama.
Barruu faayiliif gulaalee Basic olkaa`uun hin danda`amu.
Akka barruutti gulaalee wanta irraa alerguuf mojuulii barbaaddan filaa.
Sajoo Madda Olkaa`ii kamshaa Maakroo keessaa cuuqaasi.
Faayilii olkaa`uuf maqaa faayilii filuudhaan TOLE cuuqaasi.
Madda lakkaddaa alaaguuf Gulaalee wanta keessaa mojuulii iddoo barbaaddanii filaa.
Lakkaddaa sagantaa saaguuf qaree iddoo barbaadan kaa`aa.
Kamshaa Maakroo keessaa Sajoo Madda Barruu Saagi cuuqaasi.
Faayilii barruu madda lakkaddaa ofkeessaa qabu fili itti aansuun TOLE cuuqaasi.