Jibsoo Waliigalaa

From LibreOffice Help
Jump to: navigation, search

Jibsoon kun ibsoota jechoota baay'ee barbaachisoo LibreOffice keessatti si mudatan qabata.

Jechoota hin beekne LibreOffice kamiyyuu keessatti agartu barbaaduuf jibsoo fayyadami.

Sirna Lakkoofsootaa

Sirni lakkoofsootaa baay'ina arfiilee lakkoofsa bakka buusuuf jiran irratti hundaa'a. Lakkoofsi kurnyee, fakkeenyaaf lakkoofsoota kudhan irratti hundaa'a (0..9), sirni lamee ammoo lakkofsoota lama irratti hundaa'a 0 fi 1, Kudha ja'een arfiilee 16 irratti hundaa'a (0...9 fi A...F).

Geessituu

Ajajni Geessitootaa baafataGulaaluu keessatti argama. Ajajni kun kan kaka'u yoo xiqqaate geessituun tokko galmee ammee keessatti haammatameera ta'e qofa. Yeroo fakkaattii saagdu, fakkeenyaaf, fakkaatti kallachaan yookaan akka geessituutti galmee keessa saaguu dandeessa.

Yeroo wanti kallachaan galmee keessatti saagamu, hammamtaan galmichaa (yoo xiqqaate) hamma baayitoota wantaan dabala. Galmicha ol kaa'uu akkasumas kompitara biroo irratti banuu dandeessa, fi wanti saagame galmee keessatti qubannoo duraanii irra tura.

Yoo wanta akka geessituutti saagde, wabiin maqaa faayilii qofti saagama. Hammamtaan galmee kan dabalu danda'u xurree fi faayilii wabiitin qofa. Haata'u malee, yoo galmee kee kompitara biroo irratti bante, faayiliin qornyate qubannoo walfakkaatu irratti akkaataa wabiin kennametti wanta galmee keessatti ilaaluuf fayyada.

Faayilii isa kamtu akka geessituutti saagame baruuf Gulaali - Geessitoota fayyadami. Yoo barbaachisaa ta'e geessitootni kun haqamuu danda'u. Kuni geessituu kuta akkasumas wanta kallachaan saaga.

Kuusdeetaa SQL / Kaadimaa SQL

Kuusdeetaan SQL sirna kuusdeetaa walqunama SQL filatu dha. Kuusdeetootni SQLii cimdaa maamila/kaadimaa kan maamiltootni hedduu kaadimaa gidduu bira gahan keessatti tajaajilu (fakkeenyaaf, kaadimaa SQL), kuusdeetoota kaadimaa SQL jedhamuun waamamu, yookaan gabaabaatti kaadimoota SQL jedhamu.

LibreOffice keessatti, kuusdeetoota SQL alaantoo walitti fidu dandeessa. Kun ammoo tari baxxee jabaa qe'ee akkasumas cimdaa irratti iddeeffamuu danda'a. Bira gahuun karaa ODBC, yookaan ooftuu qee'e gara LibreOfficetti dabalameen milkaa'a.

SQL

Afaan Gaaffii Caaseffame (SQL) afaan gaafatawwan kuusdeetaa fayyadu dha. LibreOffice keessatti SQL yookaan hantuutee fayyadamuun gaafatawwan foormueessuu dandeessa.

Olkaa'insa Sadhatawaa fi Ofdanda'aa

Qaaqa hedduu keessatti (fakkeenyaaf, Gulaalli - BarruuUfmaa) filachuu dandeessa yoo faayilii sadhatawaan yookan ofdana'aan olkaa'uu barbaadde.

Yoo sadhatawaan olkaa'uu barbaadde, wabiin saaxatootti ida'amaa yookan wanta biraa galmee kee keessatti sadhatawa sirna argamsa faayiliitiin olkaa'ama. Haala kanaan, iddoo wabiin caasaa galeeloo itti kuufamu rakkoo hin qabu. Faayiliin akkataa iddootiin argama, haaluma wabiin ofaa yookan qabee tokko keessatti hafu. Kun barbaachisaa dha yoo galmee komputara birootiif jiraachifte kan walumaagalatti caasaa galeeloo garaagaraa irratti ofaa yookan maqaa qabee ta'eedha. Karaa birootiin kan gorfamu immoo olkaa'ina sadhatawaa yoo caasaa galeeloo Interneetii kaadhima irratti.

Yoo olkaa'a ofdanda'a filatte, ooftuu dhuufaa, qabeentaa ykn galeeloo hundee irratti hundaa'uun wabiiwwan faayiloota biroo hundi akka of danda'aatti qindeeffamu. Bu'aan kanaa galmeen wabiiwwan of keessatti qabate gara galeeloowwan yookaan ukaankaalee siqfamuu danda'a akkasumas faayidaa qabeessa ta'ee tura.

Hiikamtootaa fi Darbamtoota

Hiikamtootaa fi Darbamtootni jechoota bocquu seenaati, isaanis waggoota hedduuf hojiirra olaa turani. Hiikamaan sarara gabaabaa dhuma keewwataa irra jiru ibsa, kunis yeroo maxxanfamu, gubbaa fuula itti aanu irratti mul'ata. Darbamaan, faallaa isaatin, sarara jalqabaa keewwataa miljala fuula darbee irratti qofaan maxxanu dha. Galmee barruu LibreOffice keessatti wanti akkasii haalataa keewwataa barbaadame irratti akka hin mul'anne ofumaan dhorka. Yeroo kana dalagu, hamma sararoota gadee fuulicha irratti qabataman murteessuu dandeessa.

RTF

Dhangii Barruu Badhaadhaa (RTF) dhangii faayilii jijjiirraa faayilii barrutiif gaamarameedha. Amalli adda isaa dhangiin kallatiidhaan gara barruu odeeffannoo dubbifamuutti jijjiirama. Akka tasaa ta'ee, dhangii cafaqoo faayilii birooti, kun yoo walbira qabame faayilii guddaa uuma.

KuusDeetaa Firoomaa

Kuus deetaan firoomaa walitti qabama deetoota karaa seera qabeessaan gabatee keessatti qindaa'anii kan deetaan irraatii bira gahamuu danda'u ykn osoo gabateewwan kuus deetaa irraa fudhatamu hin gaafatiin karaa adda addaa walitti qabamuu danda'a.

Sirni bulchiinsa kuusdeetaa firoomaa (RDBMS) sagantaa akka ati kuusdeetaa firoomaa kee uumtu, haaroomsitu, fi bulchitu si dandeessisa. RDBMSiin himoota Afaan Gaaffii Caaseeffame (SQL) kan fayyadamaadhaan galfaman fudhata yookaan kan fayyadama sagantaa fi uumamtoota, hareeffamtoota, yookaan akka gara kuusdeetaa bira gaessu si dandeessisa.

Fakkeenyi gaarii kuusdeetaa firoomaa kuusdeetaa Maamila, Bittaa, fi gabateewwan kaffaltii waliin kennamuu danda'a. Gabatee kaffaltii keessatti, maamilli yookiin deetaa bittaa dhugaa ta'e hin jiru; garuu, gabatichi wabbiiwwan karaa geessaa firoomii yookaan firoomaa, gara maamila barbaachisutii fi gabateewwan bittaa (fakkeenyaaf, dirree ID maamilaa gabatee maamilaa irraa) of keessatti qabata.

Galmeessa-dhugaa

Galmeessi-dhugaa jechuun jecha topogiraafii yommuu ta'u kan maxxansaaf fayyaduudha. Jechi kun kan ibsu rogitaa sarara maxxansaa akaakuu bali'ina kan gara fuulduraa fi duuba moggaa fuula kitaabaa, fuula gaazexaa fi fuula barruuleeti. Galmeessi-dhugaa fuula kana haala salphaan akka dubbifamu amala dabalataa qaba innis fajajaa gaaddidduu akka hin balaqeessifne gidduu sarara barruu ittisa. Kana malees,galmeessi dhugaa barruu sararoota wal-cinaa tarjaa kan dheerina walqixa qaban agarsiisa.

Yommuu keeyyata qindeessitu, Akkataa Keeyyataa yookan akkaata fuula akka galmeessa dhugaatti, bu'uurri sararaa arfii miidhamee tarsaa fuula sarjaatti hiriirsii akka hamamtaa bocquuti yookan jirachuu saxaatooti. Yoo babaadde, qindaa'ina tarsaa kanaaf ibsuu dandeessa akkataa amala fuula ti.

Furtuu dursaa

Furtuun dursaa akka adda baasaa addaa iddoowwan kuusdeetaatti tajaajila. Adda bahuun addaa iddoowwan kuus deetaa kuusdeetaa firoomaa keessatti, gabateewwan biroo keessatti deetaa bira gahuuf fayyada. Gabatee biraa irraa furtuu dursaaf wabiin uumame, furtuu alaa jedhamuun waamama.

Yoo LibreOffice keessatti, ajaja barbaachisaa irraantoo tarree baaafata halqaraa keessaa filachuun iddoo filatameef, argii saxaxaa gabatee keessatti furtuu dursaa qindeessita.

PNG

Cimdaa Saxaatoo Harkee (PNG) dhangii faayilii saxaatooti. Faayilootni baay'ataa cafaqaa filatamaa ta'een cafaqamu, akkasumas, faallaa dhangii JPG dhaan, yeroo hunda faayilootni PNG osoo odeeffannoon hin hir'atiin cafaqamu.

OopinGL

OpiinGLiin afaan saxaatoo 3-D bakka bu'a, kan jaqaba SGI (Silicon Graphics Inc) dhaan dagaagfame. Loqodootni afaan kanaa lama beekamoo dha: Maaykiroosooft opiinGL, kan fayyadama foddaawwan NT dhaaf dagaage, fi Koosmoo OpiinGL kan SGI dhaan uumame. Inni lammataa afaan saxaatoo of danda'aa hujeeffannoo hundaaf fi gosa kompitaraa hundaaf, maashinoota saxaatoo jajjabee 3-D hin qabne irrattis kan fayyadu, bakka bu'a.

OLE

Wanta Geessuu fi Idaatuu (OLE) wantootni gara galmee galteetti ykn galfamuu danda'u. Idaatiin gargalcha wantaa fi bal'ina sagantaa hundee galtee galmee keessa saaga. Yoo wanta gulaaluu barbaadde, wanta irratti lama cuqaasuun sagantaa hundee kaasuu dandeessa.

ODBC

Walqabinsi kuusdeetaa banaa (ODBC) aaloo fayyadamootni sirnoota kuusdeetaa bira gahaniif gargaaru dha. Afaan gaaffii fayyadu Afaan Gaaffii Caasawaa (SQL)ti. LibreOffice keessatti, tokko tokkoo kuusdeetaawwaniif akka ajajoota SQLii kaasuu barbaaddu adda baasi. Filannoon biraa ammoo, gaaffii kee cuqaasa hantuuteedhaan qindeessuuf akkasumas gara SQL tti LibreOffice ofumaan hiikame qabu fayyadamuu dandeessa.


Wanta

Wanti maalimaa argii deetaa of keessatti qabate dha. Deetaa fayyadamaa kan akka barruu yookaan saxaatoo ilaalachuu danda'a.

Wantootni of danda'oo dha akkasumas tokko tokkorratti dhiibbaa hin geesisan. Wanti kamiyyuu deetaa of keessatti qabu ajajoota gariiniif ramadamuu danda'u. Fakkeenyaaf, wanti saxaatoo ajajoota calaqqee gulaaluu fi ajajoota herreegaa wardii of keessaa qaba.

Baafata Halqaraa

Baafata halqara wantaa kakaasuuf, jalqaba wanta fiachuufleftqabduu hantuutee waliin cuqaasi, itti aansuudhaan yeroo furtuu Ctrl ykn ajajaa fi furtuuwwan dirqalaa gad qabdu, qabduu hantuutee mirgaa cuqaasi. Baafatni halqaraa gariin osoodhuma wanti hin filatamiin illee waamamuu danda'u. Baafatni halqaraa LibreOffice keessatti iddoo maratti argama.

Rukkina

Rukkina jechuun mul'annoo walii galaa barruu foyyeessuuf hamma iddoo qubeewwan lama gidduu jiru dabaluu fi hir'isuu jechuu dha.

Gabateewwan rukkinaa odeeffannoo qubootni lama bakka dabalataa barbaadan of keessatti qabata. Gabateewwan kunniin waliigalatti qaama bocquu ti.

JDBC

API walidhinsa kuusdeetaa Jaavaa (JDBC) gara kuus deetaa LibreOffice fayyadamuu dandeessa. Ooftootni JDBC afaan saganteessa Jaavaatin barreeffamu fi hujeeffannoo irratti kan hin hundoofne dha.

Dhangeessuu

Dhangeessuun teessuma argaa barruu hujeessa jechaa yookaan sagantaa DTP ilaallata. Kun immoo dhangii waraqaa, handaarawwan waraqaa, bocquulee fi galtee bocquu, akkasumas galuumsaa fi iddoo of keessatti qabata. Barruu kallachaan yookaan Haalataalee LibreOfficeiin kennaman waliin dhangeessuu dandeessa.

Qabduu qaamii

  1. Akka hunka to'annootti, qaanxiin qabduu amaaloota dirree lakkoofsa, dirree sharafa, dirree guyyaaa, ykn dirree sa'atiiti. Yoo amlichiif spin bootoon hojeete dirricha mallattoolee cimdii irran gadee ykn dagaleen akkatan mul'isa .
  2. Bu’uura IDE keessatti, qabduun qanxii maqaa kan xiyya olee lama waliin lakkoofsa dirreef gargaaru dha.

Dirree qabduu qaanxii itti aanu keessatti gatii lakkoofsaa barreessuu, ykn qabduu qaanxii irraa gatii mallattoolee xiyya - olii ykn xiyya - gadii waliin filachuu dandeessa. Gatiicha hir'suuf yookiin dabaluuf gabatee cuqoo irraa furtuulee xiyyaa alkaassaa fi gadbuusaa dhiibu dandeessa. Gatii olaanaa fi gadaanaa qindeessuuf furtuu Fuul Olee fi Fuul Gadee dhiibu dandeessa.

Osoo dirreen qabduu qaanxii itti aanuu gatiiwwan lakkoofsa hiike, dabalataan safartuu hiikuu dandeessa, fakeenyaaf, 1 cm ykn 5 mm, 12 pt ykn 2".

DDE

DDEn "Dynamic Data Exchange" dhaaf dhaabbata, innis dursee OLEti, "Object Linking and Embedding". DDE waliin, wantootni wabii faayilii keessan qornyatu, garuu hin ida'aman.

Geessituu DDE uumuuf adeemsa armaan gadii fayyadamuu dandeessa: wardii Calc irraa man'eewwan filadhu, gara gabatee muraatti gargalchi itti aansuudhaan gara wardii biraatti ce'uun qaaqa Gulaali - Bayeessa Maxxansi filadhu.Akka walqabsiistu DDEtti qabeentota saaguuf filannoo Walqabsiistu fili. Yommuu walqabsiistuu kakaastu, ma`een bal`inaa saagame faayilii maddaa isaa irraa dubbisama.

Teesumaa Barruu Xaxaa (CTL)

Afaanootni teessuma barruu xaxaa waliin garii yookaan hunda amaloota kana gadii qabaachuu danda'u:

  • Afaanichi arfiileen barreeffame yookaan glyphs kutaawwan hedduu kan of keessatti qaban
  • Qixni barruu mirga irraa gara bitaatti dha.

Amma, LibreOfficeiin Hindi, Thai, Hebrew, fi Arabiffaa akka afaanoota CTLtti deeggara.

Enable CTL support using Tools - Options' - Language Settings - Languages'.

Wanta Bézier

Herregduun Freench Pierre Bézier dhaan dagaagfame, qonyoon Bézier fayyadama saxaatoo gar lameen qonyoo herreegaan qindeeffame dha. Qonyoon kun qabxiiwwan afuuriin qindeeffama: qubannoo duraa fi qubannoo xumuraa, fi qabxiiwwan fo'aman lama. Wantootni Bézier qabxiiwwan kana hantuuteedhaan siiqsuun fooyyeeffamuu danda'u.

ASCII

Gabaabbataa Lakkaddaa Durtii Ameerikaatiif Waljijjiirraa Odeeffannoof. ASCIIn tuuta arfii bocquulee koompiitara matayyaa irratti agarsiisuuf fayyada. Qubeewwan, lakkoosoota, ittisoo fi mallattoowwan dabalatee arfiilee 128 ofkeessatti qaba. Tuutni arfii dheertoo ASCII arfiilee 256 of keessatti qaba. Arfiin tokkoon tokkoo isaa lakkoofsa addaaf ramadama, lakkaddaa ASCII jedhamuun waamama.

Fuuloota HTML keessatti, arfiileen tuuta arfii biitii ASCII 7 irraa qofti mul'atu. Arfiileen biroon, kan akka qubeewwan Jarmanii, lakkaddaa fo'ameetin adda baafatamu. Dheertoo arfiilee lakkaddaa ASCII naquu dandeessa: gingilchaan alergii LibreOffice jijjiirraa barbaachisu raawwata.

Hidhuu

Foddaawwan gariin LibreOfficekeessaa, fakkeenyaaf foddaa Haalataalee fi Dhangeessuu akkasumas Naanna'aa foddaawwan "hidhamuu danda'an" dha. Foddaawwan kana siiqsuu, hagamtaa isaanii jijjiiruu ykn qareetti hidhuu dandeessa. Qaree kamiinuu foddaawwan hedduu walirratti ykn walbukkeetti hidhuu dandeessa itti aansuun sararoota handaaraa siqsuun gita sadhaatawaa foddaawwanii jijjiiruu dandeessa.

To undock and re-dock, holding down the Ctrl key, double-click a vacant area in the window. In the Styles and Formatting window, you can also double-click a gray part of the window next to the icons, while you hold down the Ctrl key.

Hidhuu (OfDhoksi)

Qarqara foddaa kamirrattuu bakka foddaan biroo irratti hidhame jiru irratti akka foddaa agarsiiftu yookaan dhoksitu qabduu si gargaaru agarta.

  • Foddaa agarsiisuuf yoo qabduu qarqara foddaa jiru cuqaafte, hanga ati irra deebitee hujeekaan dhoksitutti fodichi kan mul'atu ta'ee tura (qabduu walfakkaataan).
  • Handaara foddichaa cuqaasuun yoo foddaa mul'ifte, qabduu osoo hin ta'iin, dalagaa OfDhooksi kakaaste jechuu dha. Dalagaan OfDhooksiin handaara foddaa cuqaasuun akka foddaa dhokate mul'istuuf si gargaara. Yeroo galmee keessa cuqaaftu, foddaan hidhame irra deebi'ee dhokata.

Takkaan fi Akkaataan Dhangeessuu

Galmee haalataalee malee yoo dhangeessite, dhangeessuu "takkaan" jedhama. Barruu yookaan wantoota kan biroo, kan akka godayyaawwanii ykn gabateewwanii, amaloota adda addaa kallattiin takkaan fayyadamuun foyyeessuu jechuu dha. Dhangiin kun naannoo filatame qofaaf fayyada fi jijjiiramootni hundi qofaatti uumamuu qabu. Karaa biraatin, Haalataaleen barruu irratti kallachaan hin fayyadan, garuu foddaa Haalataalee fi Dhangeessuu irratti qindaa'un hojiirra oolu. Yeroo haalataa jijjirtutti bu'aa argattu keessaa tokko, kutaawwan galmee kan haalataan irratti ramadamu hundi al tokkoon fooyya'a.

Dhangeessuu kallachaa galmee kee keessaa furtuuwwan qaxxaamuraati Ctrl+A itti aansitee Dhangii - Dhangeessuu Durtii filachuun haquu dandeessa.

IME

IMEiin bakka Gulaalaa Mala Naqaa bakka bu'a. Sagantaa fayyadamaan arfii waaltawaa hin taane gabatee cuqoo durtii fayyadamuun arfiiwwan xaxaa akka galchuu fayyadaan.