Sarartuuwwan

Sarartuuwwanii, gara fuulaa, qubannoo caancalawwanii, galumsawwan, handaaraalee, fi tarjaawwan agarsiissu. Hantuttee dayyadamuun sarartuu irratti hunda kana fooyyessuu nidandeessa.

Sarartuu irra lama-cuqaasuun, qaaqa Keewwataa banuu nidandeessa, akkasuumas keewwata ammaatiif, ykn keewwatawwan filataman maraaf kallattii dhangeessaa keewwataa ramaduu nidandeessa.

Cancaloota qindeessi

Sarartuu irratti, cancaloota keewwata ammee qindeessa, ykn keewwatoota filaman mara, hantuuteen fayyadami.

galuumsota, muudanoota fi sarjaawwan qindeessi

Galuumsota fi mudanoota keewwata ammee, ykn keewwatoota filaman mara, hantuuteen fayyadamanii ibsuu dandeessa.