Galmeewwan Barruutiif, Xumuura Jechaa Sakatta'uu

Jechoota ati yammuu hedduu itti fayyadamtu akka LibreOffice ofumaan siif xumuuruu yoo barbaaddee, amala kan xalalchuuf, qindaa'ina dabalataa irratti gochuu nidandeessa. Yoo barbaaddee, akkasuumas tarree ammaa kan jechoota walitti qabamanii akka tursaa itti aanuuf sifayyaduuf olkaa'uu nidandeessa.

Xumuura jechaa sakka'uuf, Meeshalee - Ofsirreessa - Xumura jechaa filadhu, kana booda dirqalawwan armaan gadii keessaa kamuu filadhu:

Arfii iddoo dabalataa saaguu

Iddoo miiltessi filadhu.

Sajoo Yaaddannoo

Arfiin iddoo eerga ati arfii jalqabaa kan jecha itti aanuuf jecha xumuuraa ofumaa booda barreessituun miiltaa'a. Arfiin iddoo, yoo arfiin itti aanuu daangessaa tahe kunis tuqxoo yk arfii sarara haaraa gadqaba.


Furtuu fudhu filachuu

Jecha filatame tarree sanduuqa Dhaan fudhu fayyadamtee fudhachuuf, furtuu filadhu.

Lakkoofsa arfiiwwanii filachuu

Sanduuqa Dheerina jechaa gadee lakkoofsa gadee kan arfii jechii tokko qabaatu tarree keessatti walitti qabamuu qaba.

Sagamtaa jechoota walitti qabamnii filachuu

Disable the option When closing a document, remove the words collected from it from the list.

Ammaa tarreen kun galmeewwan ka biroo warra ati banteefiis gataa'oodha. Yammuu ati galmee LibreOffice isa dhumaa cuftuu, tarreen jechaa nihaqama.

Yoo ati haalojii hinfilannee, tarreen hama galmeen ammaa banaatti jiru qofa gataa'aa taa'a.

Tarreen jechaa tursa LibreOffice ammaatii ol akka jiraatu yoo barbaaddee, akka kutaa armaan gadii ibsametti, akka galmeetti olkaa'i.

Tarree jechaa waliin hojeechuu

Sajoo Yaaddannoo

Yoo dirqalii too'ataa qubeeffannoo kaa'a tahee, jechoota warra too'ataa qubeeffannootiin fudhatama argatan qofaatu walitti qabama.


Amala xumuuraa fuuaatiif, tarreen jechaa yammuu hundaa tuuta jechoota ogummaa qindaa'an waliin akka kaa'uuf tarree jechaa fayyadami.

  1. Galmee barruu isa jechoota xumuura jechaatiif fayyadamuu barbaadduu of keessaa qabu bani.

    Amalootii guutuummaa jechaa, jechoota walitti qaba.

  2. Jechooota tarree keessaa mara yk muraasa fili.

  3. baJechoota filataman mara gabatee muraa keessatti gargalchuuf, +C fayyadami. gabatee muraa galmee haaraa keessatti maxxansiitii, jechoota walitti qabaman tarree wabii keessaa argachuuf olkaa'i.

    Booda, tarreen wabii ofumaan jechoota walitti qabe akka amalii xumuura jechaa, jechoota tuuta qindaa'aniin waliin akka kaa'uuf banuu nidandeessa.