Gabateewwan, Tarreewwanm fi Tarjaawwan filuu
Gabatee tokko galmee barruu keessaa, gabateecuqootiin ykn hantuutteedhaan filuu nidandeessa.
-
Gabateecuqootiin gabatee tokko filachuuf, qaree gabaticha keessatti siqsiitii, kana booda hanga man'eewwanii marii filatamanitti Ajaja Ctrl+A gad dhiibi.
-
Hantuuteedhaan gabatee tokko filachuuf, qaree hantuuttee gara qubannoo gubbaa fi bitaa gabatichaatti siqsi. Qareen hantuuttee xiyya shafaaxaa taha. Gabaticha filachuuf cuqaasi.
-
Tarree ykn tarjaa hantuutteedhaan filachuuf, gara qubannoo bitaa tarreetti ykn tarjaa gara oliitti xiyyeefadgu. Qareen hantuuttee xiyya taha. Tarree ykn tarjaa filachuuf cuqaasi.