Tarrobarroo Uumuu

Tarrobarroon tarree hojiiwwan kan galmee keessatti wabii goote dha.

Odeeffannoo Tarrobarroo Cimmisuu

LibreOffice'n odeeffannoo tarrobarroo kuusaa tarrobarroo keessatti, ykn galmee dhunfaa keessatti cimmisa.

Kuusaa deetaa keessatti odeeffannoo cimmsuuf:

  1. Meeshaalee - Kuusaa Deetaa Tarrobarroo fili

  2. Saagi - Rikordii fili.

  3. Galchii tarrobarrootif sanduuqa Maqaa gabaabaa maqaa katabi, sana booda odeeffannoo dabalataa sanduuqawwan hafiisa keessatti dabali.

  4. Foddaa Kuusaa Deetaa Tarrobarroo cufi.

Odeeffannoo tarrobarroo galmee dhunfaa keessatti cimmisuuf

  1. Galmee kee keessaatti bakka galchii tarrobarroo itti ida'uu barbaaddu cuqaasi.

  2. Saagi - Kasaawwan fi Gabateewwan - Galchii Tarrobarroo fili.

  3. Qabiyyee galmee irraa filuun Haaraa cuqaasi.

  4. Sanduuqa Maqaa gabaabaa keessatti maqaa galchii tarrobarroo katabi.

  5. Rikordii sanduuqa Akaakuu keessaatif madda barreeffamaa fili, sana booda sanduuqa hafiisa keessatti odeeffannoo dabalata dabali.

  6. TOLEE cuqaasi.

  7. Qaaqa Galfata Tarrobarroo Saagi keessaa, Saagi cuqaasi, sana booda Cufi cuqaasi.

Sajoo Yaaddannoo

Galmee isa galfatoota moorquusaa of keessaa qabuu yammuu olkeessu, warraabiiwwanii walgittan dirree dhokataa galmee keessaa irratti ufmaan olkaa'amu.


Kuusaa Deetaa Tarrobarroo irraa Galchiiwwan Tarrobarroo Saaguu

  1. Galmee kee keessaatti bakka galchii tarrobarroo itti ida'uu barbaaddu cuqaasi.

  2. Saagi - Kasaawwan fi Gabateewwan - Galchii Tarrobarroo fili.

  1. Kuusaa Deetaa tarrobarroo irraa fili.

  2. Maqaa tarrobarroo sanduuqa Maqaa gabaabaa keessatti saaguu barbaaddu fili.

  3. Saagii cuqaasi itti aansuun Cufi keessa cuqaasi.