Murfisa jechoota gooree dhorkuu

Yoo barruun kee ofumaan murfisamaa fi jechootni murfisaman yoo fokkisan, ykn yoo jechootni gooree siruma akka hin mursifamne barbaadde jechoota kanaaf murfiisa dhaamsuu dandeessa:

  1. Choose - Language Settings - Writing Aids

  2. Furaa tarree hiika fayyadamaa keessa jiru fili, itti aansuun Gulaali cuqaasi.

    Yoo tarreen duwwaa ta'e, furaa uumuudhaf Haaraa cuqaasi.

  3. Sanduuqa Jechaa keessatti, jecha murfisa irraa dhorkuu barbaadde katabi, kan walqixaan(=) itti fufu, fakkeenyaf, "pretentious=".

  4. Haaraa cuqaasi, sana booda Cufi cuqaasi.

Sajoo Qaxxee

Jecha hatattamaan murfiisa irra dhorkuuf, jecha fili, Dhangeessi - Arfii fili, caancala Bocquu cuqaasi, sana booda "homaa" sanduuqa Afaanii keessaa fili.


Jechoonni tokko tokko arfoota addaa kan LibreOffice akka murfiitti waldhaanamu qabaatu. Yoo jechoonni akkasii akka hin murfinne barbaadde, lakkadda addaa kan murfisa iddoo lakkaddi addaa itti saagame dhoowwu saaguu dandeessa. Akka gadiitti adeemsifama:

  1. Enable the special features of complex text layout (CTL) languages: Choose - Language Settings - Languages and check Enabled for complex text layout (CTL). Click OK.

  2. Qaree iddoo murfisa hin uumamne kaa'i.

  3. Guuli - Mallattoo Dhangeessuu - Dalgeen hin jiru citaan hin jiru fili.

    Arfiin addaa yeroo tokko yoo saagame, tarii irra deebi'iitii CTL dhaamsi. Deeggarsi CTL arfii addaa saaguuf qofa barbaachise.

Murfisa

Yaa'insa Barruu