Barruu Dhoksuun

yoo ilaagaan gutee barruu galmee kee keessaa dhoksuuf ykn agarsiisuuf dirreewwan fi kutaalee fayyadamu dandeessa.

Barruu kee osoo hin dhoksiin dura,jalqaba jijjiiramaa ulaagaa barruu dhoksuu keessatti fayyadamtu uumun dirqiidha.

Jijjiiramaa Uumuuf

  1. Galmee kee keessa cuqaasuun fi Saagi - dirreewwan - Kan biraa fili.

  2. CaancalaJijjiiramoota keessa cuqaasuun fi tarree Akkaakuu keessaa "Jijjiiramoota Qindeessi" cuqaasi.

  3. Tarree Dhangi'ii keessaa "Waliigala"irratti cuqaasi

  4. Jijjiiramaaf sanduuqa Maqaa keessatti maqaa barreessi, fakkeenyaaf, Dhoksi.

  5. Jijjiiramaaf sanduuqa Gatii keessatti galchi, fakkeenyaaf, 1.

  6. Jijjiiramota galmee kee keessaa dhoksuuf Mulataalafili.

  7. Saagi fi Cufi cuqaasi.

Barruu dhoksuudhaaf

  1. Galmee keessaatti bakka barruu itti ida'uu barbaadde cuqaasi.

  2. Saagi - Dirreewwan - Kabiroo fili sana booda caancalaFankishinootaa cuqaasi.

  3. Tarree Akaakuu keessaa "Barruu Dhoksame" cuqaasi.

  4. Hima sanduuqa Haala keessatti galchi. Fakkeemyaf, jijjiirama dura hiikte fayyadamuudhan,Dhoksi==1 galchi.

  5. Barruu sanduuqa Barruu Dhokataa keessa dhoksuu barbaaddu katabi.

  6. Saagi fi Cufi cuqaasi.

Keewwata dhoksuuf

  1. Keewwata keessaa bakka barruu itti ida'uu barbaadde cuqaasi.

  2. Saagi - Dirreewwan - Kabiroo fili sana booda caancalaFankishinootaa cuqaasi.

  3. Tarree Akaakuu keessaa "Keewwata Dhoksame" cuqaasi.

  4. Hima sanduuqa Haala keessatti galchi. Fakkeemyaf, jijjiirama dura hiikte fayyadamuudhan,Dhoksi==1 galchi.

  5. Saagi fi Cufi cuqaasi.

Sajoo Yaaddannoo

mallattoo filannoo baafata Mul'annoo - Keewwatawwan Dhoksaman irraa haquudhan amala kana dandeessisuu qabda.


Kutaa dhoksuuf

  1. Barruu galmee kee keessa dhoksuu barbaaddu fili.

  2. Saagi - Kutaa filadhu.

  3. Naanno Dhoksi keessa, Dhoksi fili, sana booda himannoo sanduuqa Haala keessatti galchi. Fakkeenyaf, jijjiirama dura hiikte fayyadamuudhan, Dhoksi==1 galchi.

  4. Saagi cuqaasi.