Gabaee
Gabatee filatamaaf, dirqalaawwan hamamtaa, qubannoo, hiriiraa, addaan fageenyaa ifteessi.
Amalawwan
Maqaa
Gabateedhaaf maqaa dhokataa tokko galchi. Maqaa kana akka gabatichi Naanna'aa keessaa atattaammaan argattu itti fayyadamuu nidandeessa.
Bal'ina
Bal'na gabatichaa galchi. Sanduuqnii filannoo kun kan jiraatuu, yoo dirqali Ofumaa, iddoo Hiriira keessatti hinfilatamne qofa.
Fira
Bal'na gabatichaa kan bal'ina fuulaa akka dhibbeentaa tokkootti agarsiissa.
Hiriira
Dirqalaawwan hiriiraa gabaticha filatameef qindeessi.
Ofumaa
Surdalaan gabatee, gara bitaa fi gara mirgaa muudanawwan fuulaatti bal'isa. qindaa'ini kun gabateewwan galmeewwan HTML keessaatiif fudhatamma qaba.
Bitaa
Qaree bitaa gabatee muudana fuulaa bitaatti hiriirsa.
Muudana bitaa
Qaree bitaa gabatee gara galumsa isa ati saanduqa Bitaa iddoo Addaan fageeyna keessatti galchitte hiriirsa.
Mirgaa
Qaree mirga gabatee muudana fuulaa mirgaatti hiriirsa.
Wiirta'aa
Fuula irratti gabatee sardalaan wiirtessa.
Hujeeka
Gabatee, gatiiwwan iddoo sanduuqawwan Bitaa fi Mirga keessaa Addaan fageenya keessaa irratti huundaa'uun ofumaan hiriirsa. LibreOffice ofumaan bal'ina gabaticha heerega. Yoo barbaadde dirqala bal'ina tarjaa filachuun, mata mataa isa ifteessuu nidandeessa.
Addaan Fageegna
Bitaa
Hamma iddoo duwwaa qarree mirga mudana fuulaa fi qaree barruu gidduutti dhiisuu feetu galchi. Dirqalii kun, yoo Ofumaa yk dirqalii Bitaa, iddoo Hiriira keessaa filatamee, jiraachuu hindanda'u.
Mirgaa
Hamma iddoo duwwaa qarree mirga mudana fuulaa fi qaree barruu gidduutti dhiisuu feetu galchi. Dirqalii kun, yoo Ofumaa yk dirqala Mirga, iddoo Hiriira keessaa filatamee, jiraachuu hindanda'u.
Ol
Hamma iddoo duwwaa qarree gubbaa gabatee fi barruu qaree gubbaa gabatee gidduutti dhiisuu feetu galchi.
Gad
Hamma iddoo duwwaa qarree gadii gabatee fi qaree barruu gadii gabatee gidduutti dhiisuu feetu galchi.
To insert a paragraph before a table at the beginning of a document, header or footer, place the cursor before any content in the first cell, and then press OptionAlt+Enter.