Rogayyaa Gulaalaa
Rogayyaan kan wanta filatamee jijjiira. LibreOffice n rogayyaa, yammuu dirqalaawwan wantaadhaaf, maraa barruu murteessuu fayyadama.
Durargii rogayyaa agarsiissa.
Fayyadami
Rogayyaa, wanta filatametti fayyadama.
Fayyadami
Workspace
Rogayyaa maamiloo haqa. Bakka kana cuqaasiitii, kana booda naannoo durargii keessa cuqaasi.
Workspace
Filadhu
Akka ati rogayyaa filachuu dandeessuuf, haalata filannoo jijjiira.
Filadhu
Golsirroo
Bakka ati durargii wanta keessatti harkistuu, rogayyaa golsirroo tokko fakkasa. arfakkuu tokko fakkasuudhaaf, yammuu harkistuu, Shift diibi.
Golsirroo
Luulloo
Bakka ati durargii wanta keessatti harkistuu, rogayyaa luggee tokko fakkasa. Geengoo tokko fakkasuudhaaf, yammuu harkistuu, Shift diibi.
Luulloo
Rogaddee
Rogayyaa cufaa keeyatawwan sarara loomaa of keessaa qabu fakkasa. Bakka akka Rogaddee irraa eegaluu barbaaddu cuqaasi, keeyata sarara tokko fakkasuuf harkiisi. Xumuura keeyatawwan sarara qindeessuuf deebisi cuqaasi, keeyatawwan sarara rogaddichaa qindeessuuf, cuqaasuu itti fufi. Rogaddee fakkassuu xumuuruudhaaf, lam-cuqaasi. Rogaddeen akka digirii 45 irraa akka hinsochooneef, yammuu cuqaastuu Shift gad-dhiibi.
Rogaddee
Tuqaalee Gulaali
Boca rogayyaa jijjiiruu sidandeesiissa. bakka kana cuqaasi, kana booda qabannoota rogayyaa harkisi.
Tuqaalee Gulaali
Tuqaalee Siqsi
Akka ati boca rogayyaa jijjiiruu dandeessuuf, qabannoota rogayyaa harkisuu sidandeesiissa.
Tuqaalee Siqsi
Tuqaalee saagi
Qabannoota isa boca rogayyaa harkistee jijjiiruu sidandeesiissu saaga.
Tuqaalee saagi
Tuqaalee Haqi
Qabxii, toorii rogayyaa irraa haqa. Bakka kana cuqaasi, kana booda qabxii isa akka haqamu barbaaddu irra cuqaasi.
Tuqaalee Haqi
OfiinLakkaa'a
Ofumaan, rogayyaa naannoo wantichaa isa gulaaluu dandeessu fakkasa.
OfiinLakkaa'a
Gaabbi
Gocha dhumaa waljijijiira.
Gaabbi
Irradeebi'i
Gochaa ajaja Gaabbi isa dhumaa waljijijiira.
Irradeebi'i
Kabala Halluu
Qaama kan suurxiqqoo warra halluunsaanii walfakkaatan fila. Bakka kana cuqaasi, kana boosa halluu suurxiqqoo keessaa cuqaasi. Hagamtaa halluu isa filatamee guddisuudhaaf, gatii isa saanduqa Obsii keessaa guddisi.
Kabala Halluu
Obsii
Obsii halluu, coccobsaa agartuutiif akka dhibbeentaatti galchi. Hagamtaa halluu isa coccobsaa agartuutiin filamee guddisuudhaaf, dhibbeentaa ol'aanaa tokko galchi.